QuranQuiz bySALSABIL STUDIO
Open the appOpen app

سورة الانسان

Surah Al-Insan in Oromo

31 ayat · Medinan · Surah 76 of 114

🌐 Translation: Afaan Oromoo

Englishالعربية (بلا ترجمة)اردوBahasa IndonesiaBahasa MelayuTürkçeFrançaisDeutschEspañolPortuguêsItalianoNederlandsРусскийفارسیবাংলাहिन्दीSoomaaliKiswahiliHausaShqipBosanskiAzərbaycancaOʻzbekcha中文日本語한국어ภาษาไทยTiếng ViệtTagalogپښتوPolskiSvenskaNorskSuomiČeštinaRomânăБългарскиУкраїнськаעבריתதமிழ்മലയാളംతెలుగుमराठीગુજરાતીनेपालीසිංහලঅসমীয়াسنڌيدریKurdîދިވެހިئۇيغۇرچەአማርኛAfaan OromooYorùbáKinyarwandaBamanankanChiyaoTamaziɣtMëranawТоҷикӣҚазақшаТатарчаភាសាខ្មែរEnglish (Abdel Haleem)

Translation: Ghali Apapur Apaghuna

بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَـٰنِ ٱلرَّحِيمِ

هَلْ أَتَىٰ عَلَى ٱلْإِنسَـٰنِ حِينٌ مِّنَ ٱلدَّهْرِ لَمْ يَكُن شَيْـًٔا مَّذْكُورًا ﴿١﴾

76:1 Sila barri hangi ta'e nama irra kan inni waan yaadatamu hin ta'in hin dhufnee?

إِنَّا خَلَقْنَا ٱلْإِنسَـٰنَ مِن نُّطْفَةٍ أَمْشَاجٍ نَّبْتَلِيهِ فَجَعَلْنَـٰهُ سَمِيعًۢا بَصِيرًا ﴿٢﴾

76:2 Dhugumatti Nuti nama, isa qormaatuuf jecha bishaan saalaa walitti makamaa ta'e irraa uumnee; Dhaga'aafi argaas isa goone

إِنَّا هَدَيْنَـٰهُ ٱلسَّبِيلَ إِمَّا شَاكِرًا وَإِمَّا كَفُورًا ﴿٣﴾

76:3 Nuti haala (inni) galateeffataa yookiin mormaa ta'een karaa isa qajeelchine.

إِنَّآ أَعْتَدْنَا لِلْكَـٰفِرِينَ سَلَـٰسِلَا۟ وَأَغْلَـٰلًا وَسَعِيرًا ﴿٤﴾

76:4 Nuti kaafirootaaf sansalata, sakaallaawwaniifi ibidda boba'aa qopheessinee jirra.

إِنَّ ٱلْأَبْرَارَ يَشْرَبُونَ مِن كَأْسٍ كَانَ مِزَاجُهَا كَافُورًا ﴿٥﴾

76:5 Warri gaggaariin khamrii makaan ishee kaafuuriin ta'e irraa dhugu.

عَيْنًا يَشْرَبُ بِهَا عِبَادُ ٱللَّهِ يُفَجِّرُونَهَا تَفْجِيرًا ﴿٦﴾

76:6 (Kun) burqaa gabroonni Rabbii ishee dhuganiidha(Karaa fedhanitti) dhangalaafachuu ishee dhangalaafatu

يُوفُونَ بِٱلنَّذْرِ وَيَخَافُونَ يَوْمًا كَانَ شَرُّهُۥ مُسْتَطِيرًا ﴿٧﴾

76:7 Qodhaa (nazrii) isaanii ni guutu; guyyaa hamtuun isaa babal'atus ni sodaatu

وَيُطْعِمُونَ ٱلطَّعَامَ عَلَىٰ حُبِّهِۦ مِسْكِينًا وَيَتِيمًا وَأَسِيرًا ﴿٨﴾

76:8 Nyaatas ofii jaallachuu wajjin hiyyeessa, yatiimaafi booji'amaas nyaachisu.

إِنَّمَا نُطْعِمُكُمْ لِوَجْهِ ٱللَّهِ لَا نُرِيدُ مِنكُمْ جَزَآءً وَلَا شُكُورًا ﴿٩﴾

76:9 (Ni jedhu): "dhugumatti, wanti nuti isin nyaachifnuuf Fuula Rabbii qofaafi; isin irraa mindaas ta'ee galata wahii hin barbaannu.

إِنَّا نَخَافُ مِن رَّبِّنَا يَوْمًا عَبُوسًا قَمْطَرِيرًا ﴿١٠﴾

76:10 Dhugumatti, nuti Gooftaa keenya irraa Guyyaa fuula guuraa hammaataa ta'e sodaanna.”

فَوَقَىٰهُمُ ٱللَّهُ شَرَّ ذَٰلِكَ ٱلْيَوْمِ وَلَقَّىٰهُمْ نَضْرَةً وَسُرُورًا ﴿١١﴾

76:11 Rabbiinis hamtuu guyyaa gaafasii irraa isaan tikseeti (fuula isaaniis) ifaafi gammachuu qunnamsiise.

وَجَزَىٰهُم بِمَا صَبَرُوا۟ جَنَّةً وَحَرِيرًا ﴿١٢﴾

76:12 Sababa isaan obsaniifis jannataafi hariira galata isaaniif galche

مُّتَّكِـِٔينَ فِيهَا عَلَى ٱلْأَرَآئِكِ ۖ لَا يَرَوْنَ فِيهَا شَمْسًا وَلَا زَمْهَرِيرًا ﴿١٣﴾

76:13 Ishee keessatti sireewwan irratti hirkatanii, odoo ishee keessatti aduufi qorra hamaa hin argine (jiraatu)

وَدَانِيَةً عَلَيْهِمْ ظِلَـٰلُهَا وَذُلِّلَتْ قُطُوفُهَا تَذْلِيلًا ﴿١٤﴾

76:14 Haala gaaddisni ishee isaan irratti gadi dhihoo, firiiwwan ishees isaaniif laaffifamuu laaffifamteen (jannata seenu).

وَيُطَافُ عَلَيْهِم بِـَٔانِيَةٍ مِّن فِضَّةٍ وَأَكْوَابٍ كَانَتْ قَوَارِيرَا۠ ﴿١٥﴾

76:15 Meeshota meeta irraa ta'aniifi kubbaayyawwan qaruuraa irraa ta'een isaan irra naanna'ama.

قَوَارِيرَا۟ مِن فِضَّةٍ قَدَّرُوهَا تَقْدِيرًا ﴿١٦﴾

76:16 Qaruuraalee meeta irraa ta'een hanga isaan ga'u ishee (irraa) qoodu.

وَيُسْقَوْنَ فِيهَا كَأْسًا كَانَ مِزَاجُهَا زَنجَبِيلًا ﴿١٧﴾

76:17 Ishee keessattis khamrii makaan ishee zinjibila ta'e obaafamu.

عَيْنًا فِيهَا تُسَمَّىٰ سَلْسَبِيلًا ﴿١٨﴾

76:18 Burqaa ishee (jannata) keessa jirtu Salsabiil jedhamtee kan waamamtu (irraa obaafamu).

۞ وَيَطُوفُ عَلَيْهِمْ وِلْدَٰنٌ مُّخَلَّدُونَ إِذَا رَأَيْتَهُمْ حَسِبْتَهُمْ لُؤْلُؤًا مَّنثُورًا ﴿١٩﴾

76:19 Ijoollee ishee keessatti hafoo ta’antu isaan irra naanna'a; yeroo isaan argitu faaya bibittinneeffame sitti fakkaatu

وَإِذَا رَأَيْتَ ثَمَّ رَأَيْتَ نَعِيمًا وَمُلْكًا كَبِيرًا ﴿٢٠﴾

76:20 Yeroo achi keessa ilaaltes qananiifi mootummaa guddaa argita.

عَـٰلِيَهُمْ ثِيَابُ سُندُسٍ خُضْرٌ وَإِسْتَبْرَقٌ ۖ وَحُلُّوٓا۟ أَسَاوِرَ مِن فِضَّةٍ وَسَقَىٰهُمْ رَبُّهُمْ شَرَابًا طَهُورًا ﴿٢١﴾

76:21 Gubbaa isaanii irra uffata magariisa hariira qal'aafi hariira furdaatu jira; gumeelee meeta irraa ta'es ni faayamuGooftaan isaaniis dhugaatii qulqulleessaa isaan obaasa

إِنَّ هَـٰذَا كَانَ لَكُمْ جَزَآءً وَكَانَ سَعْيُكُم مَّشْكُورًا ﴿٢٢﴾

76:22 "Dhugumatti, kun mindaa isiniif ta'eeraDalagaan keessanis galateeffatamaa dha" (isaaniin jedhama).

إِنَّا نَحْنُ نَزَّلْنَا عَلَيْكَ ٱلْقُرْءَانَ تَنزِيلًا ﴿٢٣﴾

76:23 Dhugumatti, Nuti Qur'aana buusiinsa sirratti buusnee jirra

فَٱصْبِرْ لِحُكْمِ رَبِّكَ وَلَا تُطِعْ مِنْهُمْ ءَاثِمًا أَوْ كَفُورًا ﴿٢٤﴾

76:24 Murtii Gooftaa keetiitiifis obsi; isaan irraa nama dilaawaa yookiin kafaraa ta'eef hin ajajamin.

وَٱذْكُرِ ٱسْمَ رَبِّكَ بُكْرَةً وَأَصِيلًا ﴿٢٥﴾

76:25 Ganamaafi galgalas maqaa Gooftaa keetii faarsi.

وَمِنَ ٱلَّيْلِ فَٱسْجُدْ لَهُۥ وَسَبِّحْهُ لَيْلًا طَوِيلًا ﴿٢٦﴾

76:26 Halkan irraallee Isaaf salaati; halkan dheeraas Isaaf (salaata laylii) salaati

إِنَّ هَـٰٓؤُلَآءِ يُحِبُّونَ ٱلْعَاجِلَةَ وَيَذَرُونَ وَرَآءَهُمْ يَوْمًا ثَقِيلًا ﴿٢٧﴾

76:27 Dhugumatti, warri kun (addunyaa) arifattuu jaalatu; guyyaa ulfaataas fuulduratti dhiisu (dagatu).

نَّحْنُ خَلَقْنَـٰهُمْ وَشَدَدْنَآ أَسْرَهُمْ ۖ وَإِذَا شِئْنَا بَدَّلْنَآ أَمْثَـٰلَهُمْ تَبْدِيلًا ﴿٢٨﴾

76:28 Nuti isaan uumnee qaama isaaniis jabeessine; yeroo feenes (isaan balleessinee) fakkaatuma isaanii bakka buusinsa bakka buufna.

إِنَّ هَـٰذِهِۦ تَذْكِرَةٌ ۖ فَمَن شَآءَ ٱتَّخَذَ إِلَىٰ رَبِّهِۦ سَبِيلًا ﴿٢٩﴾

76:29 Dhugumatti, kuni gorsa; namni fedhe gara Gooftaa isaatti karaa godhata.

وَمَا تَشَآءُونَ إِلَّآ أَن يَشَآءَ ٱللَّهُ ۚ إِنَّ ٱللَّهَ كَانَ عَلِيمًا حَكِيمًا ﴿٣٠﴾

76:30 Yoo Rabbiin fedhe malee isin homaa hin feetanRabbiin beekaa ogeessa ta’eera.

يُدْخِلُ مَن يَشَآءُ فِى رَحْمَتِهِۦ ۚ وَٱلظَّـٰلِمِينَ أَعَدَّ لَهُمْ عَذَابًا أَلِيمًۢا ﴿٣١﴾

76:31 Nama fedhe rahmata Isaa keessa seensisaMiidhaa raawwattoota immoo isaaniif adabbii laalessaa qopheesse.

Do you really know Surah Al-Insan by heart?

A short test shows exactly where you slip. No sign-up, free.

Start the test

Hear Surah Al-Insan from all 90 reciters →