بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَـٰنِ ٱلرَّحِيمِ
ٱلْحَآقَّةُ ﴿١﴾
69:1 Mirkaneessituun,
مَا ٱلْحَآقَّةُ ﴿٢﴾
69:2 Mirkaneessituttiin maali?
وَمَآ أَدْرَىٰكَ مَا ٱلْحَآقَّةُ ﴿٣﴾
69:3 Mirkaneessituttiin maal akka taate maaltu si beeksise?!
كَذَّبَتْ ثَمُودُ وَعَادٌۢ بِٱلْقَارِعَةِ ﴿٤﴾
69:4 (Ummanni) Samuudiifi Aad rukuttuu qalbii (Qiyaamaa) sobsiisaniiru.
فَأَمَّا ثَمُودُ فَأُهْلِكُوا۟ بِٱلطَّاغِيَةِ ﴿٥﴾
69:5 Samuudis iyya daangaa darbaadhaan balleeffaman
وَأَمَّا عَادٌ فَأُهْلِكُوا۟ بِرِيحٍ صَرْصَرٍ عَاتِيَةٍ ﴿٦﴾
69:6 Aad immoo qilleensa sagalee cimaa akkaan bubbisuun balleeffaman.
سَخَّرَهَا عَلَيْهِمْ سَبْعَ لَيَالٍ وَثَمَـٰنِيَةَ أَيَّامٍ حُسُومًا فَتَرَى ٱلْقَوْمَ فِيهَا صَرْعَىٰ كَأَنَّهُمْ أَعْجَازُ نَخْلٍ خَاوِيَةٍ ﴿٧﴾
69:7 Halkan torbaafi guyyaa saddeetiif walitti aansee isaan irratti ergeIshee keessatti ummata kan jirma timiraa hundeen buqqifame fakkaatanii kukkufan argita
فَهَلْ تَرَىٰ لَهُم مِّنۢ بَاقِيَةٍ ﴿٨﴾
69:8 Sila isaan irraa haftee wahii ni argitaa?
وَجَآءَ فِرْعَوْنُ وَمَن قَبْلَهُۥ وَٱلْمُؤْتَفِكَـٰتُ بِٱلْخَاطِئَةِ ﴿٩﴾
69:9 Fir'awn, warri isa duraatiifi (gandoonni) gombifamtoonnis diliidhaan dhufan.
فَعَصَوْا۟ رَسُولَ رَبِّهِمْ فَأَخَذَهُمْ أَخْذَةً رَّابِيَةً ﴿١٠﴾
69:10 Ergamaa Gooftaa isaanii faallessinaan qabaa cimtuu isaan qabe.
إِنَّا لَمَّا طَغَا ٱلْمَآءُ حَمَلْنَـٰكُمْ فِى ٱلْجَارِيَةِ ﴿١١﴾
69:11 Nuti yeroo bishaan daangaa dabru doonii keessatti isin baanne.
لِنَجْعَلَهَا لَكُمْ تَذْكِرَةً وَتَعِيَهَآ أُذُنٌ وَٰعِيَةٌ ﴿١٢﴾
69:12 Akka ishee isiniif gorsa goonuufi gurri waa hubattus akka ishee hubattuuf (kana goone)
فَإِذَا نُفِخَ فِى ٱلصُّورِ نَفْخَةٌ وَٰحِدَةٌ ﴿١٣﴾
69:13 Yeroo Garrii ykn Faaggaa (xurumbaa) keessa afuuffaan tokkittiin afuufamte,
وَحُمِلَتِ ٱلْأَرْضُ وَٱلْجِبَالُ فَدُكَّتَا دَكَّةً وَٰحِدَةً ﴿١٤﴾
69:14 Dacheeniifi gaarreenis ol fuudhamanii caccabiinsa tokkittii caccaban,
فَيَوْمَئِذٍ وَقَعَتِ ٱلْوَاقِعَةُ ﴿١٥﴾
69:15 Guyyaa san argamtuun (Qiyaamaan) ni argamti.
وَٱنشَقَّتِ ٱلسَّمَآءُ فَهِىَ يَوْمَئِذٍ وَاهِيَةٌ ﴿١٦﴾
69:16 Samiinis ni baqaqxi; kanaafuu isheen guyyaa san laaftuudha.
وَٱلْمَلَكُ عَلَىٰٓ أَرْجَآئِهَا ۚ وَيَحْمِلُ عَرْشَ رَبِّكَ فَوْقَهُمْ يَوْمَئِذٍ ثَمَـٰنِيَةٌ ﴿١٧﴾
69:17 Maleeykonnis daangawwan ishee irratti ta'uArshii Gooftaa keetiis guyyaa san (maleeykota) saddeettu gubbaa isaaniitti baadhatu.
يَوْمَئِذٍ تُعْرَضُونَ لَا تَخْفَىٰ مِنكُمْ خَافِيَةٌ ﴿١٨﴾
69:18 Guyyaa san (murtiidhaaf) ni dhiyeeffamtuu, (iccitiin) dhokattuun isin irraa taate hin dhokattu.
فَأَمَّا مَنْ أُوتِىَ كِتَـٰبَهُۥ بِيَمِينِهِۦ فَيَقُولُ هَآؤُمُ ٱقْرَءُوا۟ كِتَـٰبِيَهْ ﴿١٩﴾
69:19 Namni kitaaba isaa mirga isaatiin kenname ni jedha: “hoodhaa kitaaba kiyya dubbisaa.
إِنِّى ظَنَنتُ أَنِّى مُلَـٰقٍ حِسَابِيَهْ ﴿٢٠﴾
69:20 Ani qormaata koo qunnamuu dhugoomseen ture.”
فَهُوَ فِى عِيشَةٍ رَّاضِيَةٍ ﴿٢١﴾
69:21 Innis jireenya jaalatamtuu keessa ta'a.
فِى جَنَّةٍ عَالِيَةٍ ﴿٢٢﴾
69:22 Jannata ol fuudhamtuu keessa (ta'a).
قُطُوفُهَا دَانِيَةٌ ﴿٢٣﴾
69:23 Kan firiiwwan ishee dhihoo ta'an;
كُلُوا۟ وَٱشْرَبُوا۟ هَنِيٓـًٔۢا بِمَآ أَسْلَفْتُمْ فِى ٱلْأَيَّامِ ٱلْخَالِيَةِ ﴿٢٤﴾
69:24 "Waan guyyoota darban keessa dabarfattaniif jecha gammadoo ta’aatii nyaadhaa; dhugaa" (isaaniin jedhama).
وَأَمَّا مَنْ أُوتِىَ كِتَـٰبَهُۥ بِشِمَالِهِۦ فَيَقُولُ يَـٰلَيْتَنِى لَمْ أُوتَ كِتَـٰبِيَهْ ﴿٢٥﴾
69:25 Namni kitaaba isaa bitaa isaatiin kennames ni jedha: "yaa badii kiyya! Odoon kitaaba kiyya kennamuu hafee.
وَلَمْ أَدْرِ مَا حِسَابِيَهْ ﴿٢٦﴾
69:26 Qormaanni kiyya maal akka ta'es (odoon) beekuu hafee.
يَـٰلَيْتَهَا كَانَتِ ٱلْقَاضِيَةَ ﴿٢٧﴾
69:27 Odoo isheen xumura (jiruu) kiyyaa taateen hawwa!
مَآ أَغْنَىٰ عَنِّى مَالِيَهْ ۜ ﴿٢٨﴾
69:28 Qabeenyi kiyya homaa nan duroomsine (fayyadne).
هَلَكَ عَنِّى سُلْطَـٰنِيَهْ ﴿٢٩﴾
69:29 Taaytaan kiyyas narraa bade” (jedha).
خُذُوهُ فَغُلُّوهُ ﴿٣٠﴾
69:30 Isa qabaatii isa hidhaa (sakaalaa).
ثُمَّ ٱلْجَحِيمَ صَلُّوهُ ﴿٣١﴾
69:31 Ergasii ibidda isa seensisaa
ثُمَّ فِى سِلْسِلَةٍ ذَرْعُهَا سَبْعُونَ ذِرَاعًا فَٱسْلُكُوهُ ﴿٣٢﴾
69:32 Ergasii sansalata dheerinni isaa dhundhuma torbaatama ta'e keessa isa seensisaa.
إِنَّهُۥ كَانَ لَا يُؤْمِنُ بِٱللَّهِ ٱلْعَظِيمِ ﴿٣٣﴾
69:33 Inni Rabbii Guddaatti hin amanu ture.
وَلَا يَحُضُّ عَلَىٰ طَعَامِ ٱلْمِسْكِينِ ﴿٣٤﴾
69:34 Hiyyeeyyii nyaachisuu irrattis (namoota) hin kakaasu ture.
فَلَيْسَ لَهُ ٱلْيَوْمَ هَـٰهُنَا حَمِيمٌ ﴿٣٥﴾
69:35 Har’a asitti firri isaaf hin jiru.
وَلَا طَعَامٌ إِلَّا مِنْ غِسْلِينٍ ﴿٣٦﴾
69:36 Nyaannis malaa (warra ibiddaa) irraa malee hin jiru.
لَّا يَأْكُلُهُۥٓ إِلَّا ٱلْخَـٰطِـُٔونَ ﴿٣٧﴾
69:37 Warra dilaawoo malee isa hin nyaatu.
فَلَآ أُقْسِمُ بِمَا تُبْصِرُونَ ﴿٣٨﴾
69:38 Waan isin argitaniinis niin kakadha.
وَمَا لَا تُبْصِرُونَ ﴿٣٩﴾
69:39 Waan isin hin argineenis (niin kakadha).
إِنَّهُۥ لَقَوْلُ رَسُولٍ كَرِيمٍ ﴿٤٠﴾
69:40 Dhugumatti, inni (Qur'aanni) jecha ergamaa kabajamaati.
وَمَا هُوَ بِقَوْلِ شَاعِرٍ ۚ قَلِيلًا مَّا تُؤْمِنُونَ ﴿٤١﴾
69:41 Inni jecha weellisaatii miti; xiqquma qofa amantu.
وَلَا بِقَوْلِ كَاهِنٍ ۚ قَلِيلًا مَّا تَذَكَّرُونَ ﴿٤٢﴾
69:42 Jecha raagaatiis miti; xiqqoo malee hin gorfamtanu.
تَنزِيلٌ مِّن رَّبِّ ٱلْعَـٰلَمِينَ ﴿٤٣﴾
69:43 Gooftaa aalama hundaa irraa buufamaadha.
وَلَوْ تَقَوَّلَ عَلَيْنَا بَعْضَ ٱلْأَقَاوِيلِ ﴿٤٤﴾
69:44 Odoo garii jechootaa (kan Nuti hin jedhin) Nurratti dubbatee,
لَأَخَذْنَا مِنْهُ بِٱلْيَمِينِ ﴿٤٥﴾
69:45 Silaa Nuti mirgaan isa qabna turre.
ثُمَّ لَقَطَعْنَا مِنْهُ ٱلْوَتِينَ ﴿٤٦﴾
69:46 Ergasii hidda onnee isarraa kunna turre.
فَمَا مِنكُم مِّنْ أَحَدٍ عَنْهُ حَـٰجِزِينَ ﴿٤٧﴾
69:47 Isin irraa namni isarraa dhorgu tokkollee hin jiru.
وَإِنَّهُۥ لَتَذْكِرَةٌ لِّلْمُتَّقِينَ ﴿٤٨﴾
69:48 Innis (Qur'aanni) warra Rabbiin sodaataniif gorsa.
وَإِنَّا لَنَعْلَمُ أَنَّ مِنكُم مُّكَذِّبِينَ ﴿٤٩﴾
69:49 Dhugumatti isin irraa namoonni (Qur'aana) sobsiisan akka jiran Nuti ni beekna.
وَإِنَّهُۥ لَحَسْرَةٌ عَلَى ٱلْكَـٰفِرِينَ ﴿٥٠﴾
69:50 Inni (Qur'aanni) kaafiroota irratti gaabbiidha.
وَإِنَّهُۥ لَحَقُّ ٱلْيَقِينِ ﴿٥١﴾
69:51 Dhugumatti, inni (Qur'aanni) dhugaa mirkanaa’aadha.
فَسَبِّحْ بِٱسْمِ رَبِّكَ ٱلْعَظِيمِ ﴿٥٢﴾
69:52 Maqaa Gooftaa kee guddaa ta’ee faarsi.