QuranQuiz bySALSABIL STUDIO
Open the appOpen app

سورة الشعراء

Surah Ash-Shu'ara in Oromo

227 ayat · Meccan · Surah 26 of 114

🌐 Translation: Afaan Oromoo

Englishالعربية (بلا ترجمة)اردوBahasa IndonesiaBahasa MelayuTürkçeFrançaisDeutschEspañolPortuguêsItalianoNederlandsРусскийفارسیবাংলাहिन्दीSoomaaliKiswahiliHausaShqipBosanskiAzərbaycancaOʻzbekcha中文日本語한국어ภาษาไทยTiếng ViệtTagalogپښتوPolskiSvenskaNorskSuomiČeštinaRomânăБългарскиУкраїнськаעבריתதமிழ்മലയാളംతెలుగుमराठीગુજરાતીनेपालीසිංහලঅসমীয়াسنڌيدریKurdîދިވެހިئۇيغۇرچەአማርኛAfaan OromooYorùbáKinyarwandaBamanankanChiyaoTamaziɣtMëranawТоҷикӣҚазақшаТатарчаភាសាខ្មែរEnglish (Abdel Haleem)

Translation: Ghali Apapur Apaghuna

بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَـٰنِ ٱلرَّحِيمِ

طسٓمٓ ﴿١﴾

26:1 Xaa Siin Miim.

تِلْكَ ءَايَـٰتُ ٱلْكِتَـٰبِ ٱلْمُبِينِ ﴿٢﴾

26:2 Kun keeyyattoota kitaaba (dhugaa soba irraa) adda baasaa ta’eeti

لَعَلَّكَ بَـٰخِعٌ نَّفْسَكَ أَلَّا يَكُونُوا۟ مُؤْمِنِينَ ﴿٣﴾

26:3 (Yaa Muhammad!) Ati Mu’uminoota ta’uu dhabuu isaaniitiif [gaddaan] lubbuu kee baasuun siif sodaatama

إِن نَّشَأْ نُنَزِّلْ عَلَيْهِم مِّنَ ٱلسَّمَآءِ ءَايَةً فَظَلَّتْ أَعْنَـٰقُهُمْ لَهَا خَـٰضِعِينَ ﴿٤﴾

26:4 Odoo feenee samii irraa mallattoo isaan irratti buufnee (isheedhaaf ajajamuun) mormi isaanii isheedhaaf gadi jedhaa taati ture

وَمَا يَأْتِيهِم مِّن ذِكْرٍ مِّنَ ٱلرَّحْمَـٰنِ مُحْدَثٍ إِلَّا كَانُوا۟ عَنْهُ مُعْرِضِينَ ﴿٥﴾

26:5 Isaan kan sobsiisan ta’anii malee gorsi (kitaabni) haaraan Rahmaan irraa isaaniif kan dhufu hin taane.

فَقَدْ كَذَّبُوا۟ فَسَيَأْتِيهِمْ أَنۢبَـٰٓؤُا۟ مَا كَانُوا۟ بِهِۦ يَسْتَهْزِءُونَ ﴿٦﴾

26:6 Dhugumatti isaan [Qur’aana kana] sobsiisaniiruOduun waan isaan itti qishnaa (qoosaa) turanii isaanitti dhufuuf jira

أَوَلَمْ يَرَوْا۟ إِلَى ٱلْأَرْضِ كَمْ أَنۢبَتْنَا فِيهَا مِن كُلِّ زَوْجٍ كَرِيمٍ ﴿٧﴾

26:7 Sila gara Dachii akka nuti gosoota gaggaarii hunda irraa meeqaatama ishee keessatti biqilchine isaan hin ilaallee?

إِنَّ فِى ذَٰلِكَ لَـَٔايَةً ۖ وَمَا كَانَ أَكْثَرُهُم مُّؤْمِنِينَ ﴿٨﴾

26:8 Dhugumatti, sana keessa mallattootu jiraIrra hedduun isaaniis kan amanan hin taane

وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ ٱلْعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ ﴿٩﴾

26:9 Dhugumatti Gooftaan kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha.

وَإِذْ نَادَىٰ رَبُّكَ مُوسَىٰٓ أَنِ ٱئْتِ ٱلْقَوْمَ ٱلظَّـٰلِمِينَ ﴿١٠﴾

26:10 Yeroo Gooftaan kee “Gara ummata miidhaa dalagdootaa deemi” [jedhee] Muusaa waame [yaadadhu]

قَوْمَ فِرْعَوْنَ ۚ أَلَا يَتَّقُونَ ﴿١١﴾

26:11 “Gara ummata Fir’awn [dhaqi]Sila Rabbiin hin sodaatanii? [jedhiin].”

قَالَ رَبِّ إِنِّىٓ أَخَافُ أَن يُكَذِّبُونِ ﴿١٢﴾

26:12 [Muusaanis] ni jedhe: “Gooftaa kiyya! Dhugumatti, ani na sobsiisuun sodaadha.

وَيَضِيقُ صَدْرِى وَلَا يَنطَلِقُ لِسَانِى فَأَرْسِلْ إِلَىٰ هَـٰرُونَ ﴿١٣﴾

26:13 [Yoo na sobsiisan] qomti kiyyas ni dhiphataArrabni kiyyas hin diriiruKanaafuu gara Haaruunitti ergi

وَلَهُمْ عَلَىَّ ذَنۢبٌ فَأَخَافُ أَن يَقْتُلُونِ ﴿١٤﴾

26:14 Isaaniifis yakka [dhiigaatu] narra jira; kanaafuu na ajjeesuun sodaadha.”

قَالَ كَلَّا ۖ فَٱذْهَبَا بِـَٔايَـٰتِنَآ ۖ إِنَّا مَعَكُم مُّسْتَمِعُونَ ﴿١٥﴾

26:15 [Rabbiinis] ni jedhe: “lakki! (si hin ajjeesanu)Isin lamaan mallattoolee keenyaan deemaaDhugumatti, Nuti isinii waliin dhageeffatoota.”

فَأْتِيَا فِرْعَوْنَ فَقُولَآ إِنَّا رَسُولُ رَبِّ ٱلْعَـٰلَمِينَ ﴿١٦﴾

26:16 “Fir’awnitti dhaqaatii ‘Nuti ergamaa Gooftaa aalama hundaati’ jedhaa.

أَنْ أَرْسِلْ مَعَنَا بَنِىٓ إِسْرَٰٓءِيلَ ﴿١٧﴾

26:17 “Ilmaan Israa’iil nu waliin gadi dhiisi” jechuudhaan [ergamne jedhaa]

قَالَ أَلَمْ نُرَبِّكَ فِينَا وَلِيدًا وَلَبِثْتَ فِينَا مِنْ عُمُرِكَ سِنِينَ ﴿١٨﴾

26:18 [Fir’awnis] ni jedhe: “sila nuti mucaa xiqqaa taatee of biratti si hin guddifnee? Umrii kee irraas waggoota baay’ee nu keessa hin turree?

وَفَعَلْتَ فَعْلَتَكَ ٱلَّتِى فَعَلْتَ وَأَنتَ مِنَ ٱلْكَـٰفِرِينَ ﴿١٩﴾

26:19 Dalagaa kee ishee dalagde (ajjeechaa raawwatte) sanas hin hojjannee? Ati gantoota irraahi” [jedhe].

قَالَ فَعَلْتُهَآ إِذًا وَأَنَا۠ مِنَ ٱلضَّآلِّينَ ﴿٢٠﴾

26:20 [Muusaanis] ni jedhe: “Yeroo san wallaaltota irraa ta’een ishee hojjadhe.

فَفَرَرْتُ مِنكُمْ لَمَّا خِفْتُكُمْ فَوَهَبَ لِى رَبِّى حُكْمًا وَجَعَلَنِى مِنَ ٱلْمُرْسَلِينَ ﴿٢١﴾

26:21 Yeroman isin sodaadhun isin irraa dheesse; Gooftaan kiyyas beekumsa naaf kennee ergamtoota irraa na godhe.

وَتِلْكَ نِعْمَةٌ تَمُنُّهَا عَلَىَّ أَنْ عَبَّدتَّ بَنِىٓ إِسْرَٰٓءِيلَ ﴿٢٢﴾

26:22 Sunis Ilmaan Israa’iil gabra godhachuu keetiin tola ati narratti himattuudha.”

قَالَ فِرْعَوْنُ وَمَا رَبُّ ٱلْعَـٰلَمِينَ ﴿٢٣﴾

26:23 Fir’awn “gooftaan aalama hundaa maali?” jedhe.

قَالَ رَبُّ ٱلسَّمَـٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ وَمَا بَيْنَهُمَآ ۖ إِن كُنتُم مُّوقِنِينَ ﴿٢٤﴾

26:24 [Muusaanis]: “gooftaa Samii, Dachiifi waan gidduu isaan lamaaniiti; yoo kan dhugoomsitan taatan [itti amanaa]” jedheen.

قَالَ لِمَنْ حَوْلَهُۥٓ أَلَا تَسْتَمِعُونَ ﴿٢٥﴾

26:25 [Fir’awnis] namoota maddii isaa jiraniin “Sila [waan inni jedhu] hin dhageessanuu?” jedhe.

قَالَ رَبُّكُمْ وَرَبُّ ءَابَآئِكُمُ ٱلْأَوَّلِينَ ﴿٢٦﴾

26:26 [Muusaan] “Gooftaa keessaniifi Gooftaa abbootii keessan kan jalqabaati” jedhe.

قَالَ إِنَّ رَسُولَكُمُ ٱلَّذِىٓ أُرْسِلَ إِلَيْكُمْ لَمَجْنُونٌ ﴿٢٧﴾

26:27 [Fir’awn] “ergamaan keessan inni gara keessanitti ergame dhugumatti maraatuudha” jedhe.

قَالَ رَبُّ ٱلْمَشْرِقِ وَٱلْمَغْرِبِ وَمَا بَيْنَهُمَآ ۖ إِن كُنتُمْ تَعْقِلُونَ ﴿٢٨﴾

26:28 [Muusaan] “Gooftaa Bahaa, Dhihaafi waan gidduu isaan lamaanii jiruuti; yoo kan hubattan taataniif [itti amanaa]” jedhe.

قَالَ لَئِنِ ٱتَّخَذْتَ إِلَـٰهًا غَيْرِى لَأَجْعَلَنَّكَ مِنَ ٱلْمَسْجُونِينَ ﴿٢٩﴾

26:29 [Fir’awn] “dhugumatti, yoo ati ana malee gabbaramaa biraa godhatte, hidhamtoota irraan si taasisa” jedhe.

قَالَ أَوَلَوْ جِئْتُكَ بِشَىْءٍ مُّبِينٍ ﴿٣٠﴾

26:30 [Muusaan] “sila odoo waan (ragaa) ifa ta’een sitti dhufeellee moo?” jedhe.

قَالَ فَأْتِ بِهِۦٓ إِن كُنتَ مِنَ ٱلصَّـٰدِقِينَ ﴿٣١﴾

26:31 [Fir’awn] “yoo warra dhugaa dubbatan irraa taate isa fidi” jedhe.

فَأَلْقَىٰ عَصَاهُ فَإِذَا هِىَ ثُعْبَانٌ مُّبِينٌ ﴿٣٢﴾

26:32 [Muusaan] ulee isaa ni darbateYeroma san isheen jawwee ifa galaa taate.

وَنَزَعَ يَدَهُۥ فَإِذَا هِىَ بَيْضَآءُ لِلنَّـٰظِرِينَ ﴿٣٣﴾

26:33 Harka isaas [bobaa isaa jalaa] ni baase; Yeroma san isheen warra ilaalaniif adii taate.

قَالَ لِلْمَلَإِ حَوْلَهُۥٓ إِنَّ هَـٰذَا لَسَـٰحِرٌ عَلِيمٌ ﴿٣٤﴾

26:34 [Fir’awn] qondaaltota naanna’a isaa jiraniin “dhugumatti, kun saahiree (falfalaa) akkaan beekaadha” jedhe

يُرِيدُ أَن يُخْرِجَكُم مِّنْ أَرْضِكُم بِسِحْرِهِۦ فَمَاذَا تَأْمُرُونَ ﴿٣٥﴾

26:35 “Sihrii isaatiin dachii keessan irraa isin baasuu fedhaa, isin immoo maalitti na ajajju” (jedhe).

قَالُوٓا۟ أَرْجِهْ وَأَخَاهُ وَٱبْعَثْ فِى ٱلْمَدَآئِنِ حَـٰشِرِينَ ﴿٣٦﴾

26:36 [Isaanis] ni jedhan: “Isaafi obboleessa isaas tursiisiMagaalota keessattis walitti qabdoota ergi;

يَأْتُوكَ بِكُلِّ سَحَّارٍ عَلِيمٍ ﴿٣٧﴾

26:37 Saahiroota (falfaltoota) beekumsa qaban hundaan sitti haa dhufanu.”

فَجُمِعَ ٱلسَّحَرَةُ لِمِيقَـٰتِ يَوْمٍ مَّعْلُومٍ ﴿٣٨﴾

26:38 Saahiroonnis beellama guyyaa beekamaatiif walitti qabaman.

وَقِيلَ لِلنَّاسِ هَلْ أَنتُم مُّجْتَمِعُونَ ﴿٣٩﴾

26:39 Namootaanis ni jedhame: “Isin sila walitti qabamtanii? (Dafaa walitti qabamaa);

لَعَلَّنَا نَتَّبِعُ ٱلسَّحَرَةَ إِن كَانُوا۟ هُمُ ٱلْغَـٰلِبِينَ ﴿٤٠﴾

26:40 Yoo isaan kan injifatan ta’an, Saahiroota (falfaltoota) hordofuun keenya ni kajeelamaa.”

فَلَمَّا جَآءَ ٱلسَّحَرَةُ قَالُوا۟ لِفِرْعَوْنَ أَئِنَّ لَنَا لَأَجْرًا إِن كُنَّا نَحْنُ ٱلْغَـٰلِبِينَ ﴿٤١﴾

26:41 Falfaltoonni yeroma dhufan, Fir’awniin “Sila dhugumatti yoo nuti mo’attoota taaneef mindaan nuuf jiraa? ” jedhan.

قَالَ نَعَمْ وَإِنَّكُمْ إِذًا لَّمِنَ ٱلْمُقَرَّبِينَ ﴿٤٢﴾

26:42 [Fir’awnis] “Eeyyeen; isin yoosan [natti] dhihaattota irraa taatu” jedhe

قَالَ لَهُم مُّوسَىٰٓ أَلْقُوا۟ مَآ أَنتُم مُّلْقُونَ ﴿٤٣﴾

26:43 Muusaanis “Isin waan darbuu feetan darbaa” isaanin jedhe.

فَأَلْقَوْا۟ حِبَالَهُمْ وَعِصِيَّهُمْ وَقَالُوا۟ بِعِزَّةِ فِرْعَوْنَ إِنَّا لَنَحْنُ ٱلْغَـٰلِبُونَ ﴿٤٤﴾

26:44 Haadaafi uleewwan isaanii ni darban; “Jabeenya Fir’awniin! Nuti dhugumatti nutu injifattoota” jedhan.

فَأَلْقَىٰ مُوسَىٰ عَصَاهُ فَإِذَا هِىَ تَلْقَفُ مَا يَأْفِكُونَ ﴿٤٥﴾

26:45 Muusaanis ulee isaa ni darbateYeroma san isheen waan isaan sobaan fakkeessan hunda liqimsite.

فَأُلْقِىَ ٱلسَّحَرَةُ سَـٰجِدِينَ ﴿٤٦﴾

26:46 Falfaltoonnis [yeroma kana argan] sujuuda bu’aa ta’anii gadi kufan

قَالُوٓا۟ ءَامَنَّا بِرَبِّ ٱلْعَـٰلَمِينَ ﴿٤٧﴾

26:47 Ni jedhanis: “Gooftaa aalama hundaatti amanne;

رَبِّ مُوسَىٰ وَهَـٰرُونَ ﴿٤٨﴾

26:48 Gooftaa Muusaafi Haaruunitti.”

قَالَ ءَامَنتُمْ لَهُۥ قَبْلَ أَنْ ءَاذَنَ لَكُمْ ۖ إِنَّهُۥ لَكَبِيرُكُمُ ٱلَّذِى عَلَّمَكُمُ ٱلسِّحْرَ فَلَسَوْفَ تَعْلَمُونَ ۚ لَأُقَطِّعَنَّ أَيْدِيَكُمْ وَأَرْجُلَكُم مِّنْ خِلَـٰفٍ وَلَأُصَلِّبَنَّكُمْ أَجْمَعِينَ ﴿٤٩﴾

26:49 [Fir’awnis] ni jedhe: “Odoo ani isiniif hin eeyyamin isatti amantanii? Dhugumatti, inni hayyuu keessan kan sihrii isin barsiiseedhaFuuldurattis [waan ta’u] beekuuf jirtuDhugumatti, ani Harka keessaniifi Luka keessan wal-faallessuudhaan isin irraan mummuraDhugumatti hunduma keessan isinin fannisa.”

قَالُوا۟ لَا ضَيْرَ ۖ إِنَّآ إِلَىٰ رَبِّنَا مُنقَلِبُونَ ﴿٥٠﴾

26:50 Ni jedhan: “Miidhaan [nurra] hin jiru! Dhugumatti, nuti gara Gooftaa keenyaa deebi’oodha.

إِنَّا نَطْمَعُ أَن يَغْفِرَ لَنَا رَبُّنَا خَطَـٰيَـٰنَآ أَن كُنَّآ أَوَّلَ ٱلْمُؤْمِنِينَ ﴿٥١﴾

26:51 Dhugumatti, nuti warra jalqaba amanan ta’uudhaan Rabbiin keenya badii keenya nuuf araaramuu ni kajeella .”

۞ وَأَوْحَيْنَآ إِلَىٰ مُوسَىٰٓ أَنْ أَسْرِ بِعِبَادِىٓ إِنَّكُم مُّتَّبَعُونَ ﴿٥٢﴾

26:52 Gara Muusaattis “halkaniin gabroota kiyyaan deemi (baqadhu) dhugumatti isin [diinota keessaniin] hordofamoodha” jechuun wahyii goone.

فَأَرْسَلَ فِرْعَوْنُ فِى ٱلْمَدَآئِنِ حَـٰشِرِينَ ﴿٥٣﴾

26:53 Fir’awnis magaalota keessatti walitti qabdoota ergee,

إِنَّ هَـٰٓؤُلَآءِ لَشِرْذِمَةٌ قَلِيلُونَ ﴿٥٤﴾

26:54 “Dhugumatti warri kun gareewwan xiqqoodha.

وَإِنَّهُمْ لَنَا لَغَآئِظُونَ ﴿٥٥﴾

26:55 Isaanis dhugumatti nu dallansiisoodha.

وَإِنَّا لَجَمِيعٌ حَـٰذِرُونَ ﴿٥٦﴾

26:56 Nutis baay’ee of eegdota” [jedhe].

فَأَخْرَجْنَـٰهُم مِّن جَنَّـٰتٍ وَعُيُونٍ ﴿٥٧﴾

26:57 Ashaakiltiileefi burqaawwan irraas isaan baafne.

وَكُنُوزٍ وَمَقَامٍ كَرِيمٍ ﴿٥٨﴾

26:58 Kuusaa qabeenyaafi iddoowwan kabajamaa irraas.

كَذَٰلِكَ وَأَوْرَثْنَـٰهَا بَنِىٓ إِسْرَٰٓءِيلَ ﴿٥٩﴾

26:59 Akka kanatti Ilmaan Israa’iil ishee dhaalchifne.

فَأَتْبَعُوهُم مُّشْرِقِينَ ﴿٦٠﴾

26:60 Bariifatoo ta’anii isaan hordofan.

فَلَمَّا تَرَٰٓءَا ٱلْجَمْعَانِ قَالَ أَصْحَـٰبُ مُوسَىٰٓ إِنَّا لَمُدْرَكُونَ ﴿٦١﴾

26:61 Yeroma gareen lamaan wal argan, gareen Muusaa “nuti dhugumatti [garee Fir’awniin] dhaqqabamoodha” jedhan.

قَالَ كَلَّآ ۖ إِنَّ مَعِىَ رَبِّى سَيَهْدِينِ ﴿٦٢﴾

26:62 [Muusaan] ni jedhe: “lakkisaa! Dhugumatti, Gooftaan kiyya na wajjin jiraInni [furmaatatti] na qajeelcha.”

فَأَوْحَيْنَآ إِلَىٰ مُوسَىٰٓ أَنِ ٱضْرِب بِّعَصَاكَ ٱلْبَحْرَ ۖ فَٱنفَلَقَ فَكَانَ كُلُّ فِرْقٍ كَٱلطَّوْدِ ٱلْعَظِيمِ ﴿٦٣﴾

26:63 Gara Muusaatti “ulee keetiin galaana rukuti” jechuun wahyii goone[Yeroma inni dhahu] qoqqoodamee Kutaan qoodama isaa hunduu akka gaara guddaa ta’e.

وَأَزْلَفْنَا ثَمَّ ٱلْـَٔاخَرِينَ ﴿٦٤﴾

26:64 Bakka sanattis warra biraa dhiheessine.

وَأَنجَيْنَا مُوسَىٰ وَمَن مَّعَهُۥٓ أَجْمَعِينَ ﴿٦٥﴾

26:65 Muusaafi warra isa waliin turan hundaa ni baraarsine

ثُمَّ أَغْرَقْنَا ٱلْـَٔاخَرِينَ ﴿٦٦﴾

26:66 Sana booda warra biroo bishaaniin dhidhimsine.

إِنَّ فِى ذَٰلِكَ لَـَٔايَةً ۖ وَمَا كَانَ أَكْثَرُهُم مُّؤْمِنِينَ ﴿٦٧﴾

26:67 Dhugumatti, kana keessa mallattootu jiraIrra hedduun isaanii Mu’uminoota hin taane.

وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ ٱلْعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ ﴿٦٨﴾

26:68 Dhugumatti Rabbiin kee, Isumatu injifataa, rahmata godhaadha.

وَٱتْلُ عَلَيْهِمْ نَبَأَ إِبْرَٰهِيمَ ﴿٦٩﴾

26:69 Seenaa Ibraahimis isaan irratti dubbisi.

إِذْ قَالَ لِأَبِيهِ وَقَوْمِهِۦ مَا تَعْبُدُونَ ﴿٧٠﴾

26:70 Yeroo inni abbaafi ummata isaatiin “maal gabbartu?” jedhe.

قَالُوا۟ نَعْبُدُ أَصْنَامًا فَنَظَلُّ لَهَا عَـٰكِفِينَ ﴿٧١﴾

26:71 “Taabotawwan gabbarra; ishee [gabbaruu] irras warra turu taane” jedhan.

قَالَ هَلْ يَسْمَعُونَكُمْ إِذْ تَدْعُونَ ﴿٧٢﴾

26:72 [Ibraahiim] ni jedhe: “sila yeroo isaan waammattan isin dhagahanii?

أَوْ يَنفَعُونَكُمْ أَوْ يَضُرُّونَ ﴿٧٣﴾

26:73 Yookiinis isin fayyaduu? Yookiinis isin miidhuu?”

قَالُوا۟ بَلْ وَجَدْنَآ ءَابَآءَنَا كَذَٰلِكَ يَفْعَلُونَ ﴿٧٤﴾

26:74 [Isaanis] “Lakkisaa; abbootii keenya akkas kan dalagan agarre” jedhan.

قَالَ أَفَرَءَيْتُم مَّا كُنتُمْ تَعْبُدُونَ ﴿٧٥﴾

26:75 [Ibraahiim] ni jedhe: “Sila waan gabbaraa turtan hubattanii jirtuu?

أَنتُمْ وَءَابَآؤُكُمُ ٱلْأَقْدَمُونَ ﴿٧٦﴾

26:76 Isiniifi abbootiin keessan kan duraaniis?

فَإِنَّهُمْ عَدُوٌّ لِّىٓ إِلَّا رَبَّ ٱلْعَـٰلَمِينَ ﴿٧٧﴾

26:77 Dhugumatti, isaan anaaf diinota; garuu Gooftaa aalama hundaa malee (inni jaalalloo kooti).

ٱلَّذِى خَلَقَنِى فَهُوَ يَهْدِينِ ﴿٧٨﴾

26:78 [Inni] isa na uume, isatu na qajeelcha.”

وَٱلَّذِى هُوَ يُطْعِمُنِى وَيَسْقِينِ ﴿٧٩﴾

26:79 Inni Isa na nyaachisuufi na obaasuudha.

وَإِذَا مَرِضْتُ فَهُوَ يَشْفِينِ ﴿٨٠﴾

26:80 Yeroo an dhukkubsadhes, Isatu na fayyisa.

وَٱلَّذِى يُمِيتُنِى ثُمَّ يُحْيِينِ ﴿٨١﴾

26:81 Isa na ajjeesuufi Sana booda na jiraachisuudha.

وَٱلَّذِىٓ أَطْمَعُ أَن يَغْفِرَ لِى خَطِيٓـَٔتِى يَوْمَ ٱلدِّينِ ﴿٨٢﴾

26:82 Isa guyyaa murtiis badii kiyya akka naaf araaramu kajeeluudha.

رَبِّ هَبْ لِى حُكْمًا وَأَلْحِقْنِى بِٱلصَّـٰلِحِينَ ﴿٨٣﴾

26:83 Gooftaa kiyya! beekumsa naaf kenniNamoota gaggaariittis na dhaqqabsiisi.

وَٱجْعَل لِّى لِسَانَ صِدْقٍ فِى ٱلْـَٔاخِرِينَ ﴿٨٤﴾

26:84 Dhaloota boodaa keessattis faaruu gaarii naaf taasisi

وَٱجْعَلْنِى مِن وَرَثَةِ جَنَّةِ ٱلنَّعِيمِ ﴿٨٥﴾

26:85 Dhaaltota Jannata qananii dhaalan irraas na taasisi.

وَٱغْفِرْ لِأَبِىٓ إِنَّهُۥ كَانَ مِنَ ٱلضَّآلِّينَ ﴿٨٦﴾

26:86 Abbaa kiyyaafis araaramiDhugumatti, inni jallattoota irraa ta’eera.

وَلَا تُخْزِنِى يَوْمَ يُبْعَثُونَ ﴿٨٧﴾

26:87 Guyyaa isaan (gabroonni) kaafamanis na hin xinneessin.”

يَوْمَ لَا يَنفَعُ مَالٌ وَلَا بَنُونَ ﴿٨٨﴾

26:88 Guyyaa qabeenyiifi ilmaanis homaa hin fayyadne.

إِلَّا مَنْ أَتَى ٱللَّهَ بِقَلْبٍ سَلِيمٍ ﴿٨٩﴾

26:89 Nama onnee qulqulluudhaan Rabbitti dhufe malee.

وَأُزْلِفَتِ ٱلْجَنَّةُ لِلْمُتَّقِينَ ﴿٩٠﴾

26:90 [Guyyaa] Jannannis warra Rabbiin sodaataniif dhiheeffamte;

وَبُرِّزَتِ ٱلْجَحِيمُ لِلْغَاوِينَ ﴿٩١﴾

26:91 [Guyyaa] Ibiddi jahannamis jallattootaaf muldhifamte;

وَقِيلَ لَهُمْ أَيْنَ مَا كُنتُمْ تَعْبُدُونَ ﴿٩٢﴾

26:92 [Guyyaa] “wanti isin gabbaraa turtan eessa jiru?” isaaniin jedhame

مِن دُونِ ٱللَّهِ هَلْ يَنصُرُونَكُمْ أَوْ يَنتَصِرُونَ ﴿٩٣﴾

26:93 “Rabbii gaditti (ta’anii) Sila isin tumsuu? Yookiin of ni tumsuu?”

فَكُبْكِبُوا۟ فِيهَا هُمْ وَٱلْغَاوُۥنَ ﴿٩٤﴾

26:94 Isaaniifi jallattoonni ishee keessatti darbaman

وَجُنُودُ إِبْلِيسَ أَجْمَعُونَ ﴿٩٥﴾

26:95 Waraanni Ibliis hunduu (ni darbaman).

قَالُوا۟ وَهُمْ فِيهَا يَخْتَصِمُونَ ﴿٩٦﴾

26:96 Isaan ishee keessatti wal falmaa ni jedhu:

تَٱللَّهِ إِن كُنَّا لَفِى ضَلَـٰلٍ مُّبِينٍ ﴿٩٧﴾

26:97 Allaahn kakannee! Nuti dhugumatti jallina ifa ta’e keessa turre.

إِذْ نُسَوِّيكُم بِرَبِّ ٱلْعَـٰلَمِينَ ﴿٩٨﴾

26:98 Yeroo Gooftaa aalama hundaatti isin qixxeessinu san.

وَمَآ أَضَلَّنَآ إِلَّا ٱلْمُجْرِمُونَ ﴿٩٩﴾

26:99 Ficiltoota malee homtuu nu hin jallisne.

فَمَا لَنَا مِن شَـٰفِعِينَ ﴿١٠٠﴾

26:100 Araarsitoonni tokkollee nuuf hin jiru.

وَلَا صَدِيقٍ حَمِيمٍ ﴿١٠١﴾

26:101 Hiriyaan garaa laafus (hin jiru)

فَلَوْ أَنَّ لَنَا كَرَّةً فَنَكُونَ مِنَ ٱلْمُؤْمِنِينَ ﴿١٠٢﴾

26:102 Odoo (addunyaatti) deebiin tokkollee nuuf jiraatee silaa Mu’uminoota irraa taana turre.

إِنَّ فِى ذَٰلِكَ لَـَٔايَةً ۖ وَمَا كَانَ أَكْثَرُهُم مُّؤْمِنِينَ ﴿١٠٣﴾

26:103 Dhugumatti, kana keessa mallattootu jiraIrra hedduun isaanii Mu’uminoota hin taane.

وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ ٱلْعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ ﴿١٠٤﴾

26:104 Dhugumatti Gooftaan kee isumatu injifataa, rahmata godhaadha.

كَذَّبَتْ قَوْمُ نُوحٍ ٱلْمُرْسَلِينَ ﴿١٠٥﴾

26:105 Ummanni Nuuh ergamtoota sobsiiftee jirti.

إِذْ قَالَ لَهُمْ أَخُوهُمْ نُوحٌ أَلَا تَتَّقُونَ ﴿١٠٦﴾

26:106 Yeroo obboleessi isaanii Nuuh jedheen: “Sila Rabbiin hin sodaattanii

إِنِّى لَكُمْ رَسُولٌ أَمِينٌ ﴿١٠٧﴾

26:107 Ani isiniif ergamaa amanamaadha.

فَٱتَّقُوا۟ ٱللَّهَ وَأَطِيعُونِ ﴿١٠٨﴾

26:108 Rabbiin sodaadhaa; ajaja kiyyas fudhaa.

وَمَآ أَسْـَٔلُكُمْ عَلَيْهِ مِنْ أَجْرٍ ۖ إِنْ أَجْرِىَ إِلَّا عَلَىٰ رَبِّ ٱلْعَـٰلَمِينَ ﴿١٠٩﴾

26:109 Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhu; Mindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irratti malee hin taane.

فَٱتَّقُوا۟ ٱللَّهَ وَأَطِيعُونِ ﴿١١٠﴾

26:110 Rabbiin sodaadhaaAjaja kiyyas fudhaa.”

۞ قَالُوٓا۟ أَنُؤْمِنُ لَكَ وَٱتَّبَعَكَ ٱلْأَرْذَلُونَ ﴿١١١﴾

26:111 [Ummanni isaas] “sila nuti odoo warri gadi aanoon si hordofanii jiranuu siif amannaa?” jedhan.

قَالَ وَمَا عِلْمِى بِمَا كَانُوا۟ يَعْمَلُونَ ﴿١١٢﴾

26:112 [Innis] ni jedhe: “Waan isaan dalagaa turan maalittin beeka?

إِنْ حِسَابُهُمْ إِلَّا عَلَىٰ رَبِّى ۖ لَوْ تَشْعُرُونَ ﴿١١٣﴾

26:113 Odoo beektanii qormaanni isaanii Gooftaa kiyya qofa irra malee hin taane.

وَمَآ أَنَا۠ بِطَارِدِ ٱلْمُؤْمِنِينَ ﴿١١٤﴾

26:114 Ani ari’aa (fageesaa) Mu’uminootaa hin taane

إِنْ أَنَا۠ إِلَّا نَذِيرٌ مُّبِينٌ ﴿١١٥﴾

26:115 Ani akeekkachiisaa ifa bahaa ta’e malee hin taane.”

قَالُوا۟ لَئِن لَّمْ تَنتَهِ يَـٰنُوحُ لَتَكُونَنَّ مِنَ ٱلْمَرْجُومِينَ ﴿١١٦﴾

26:116 [Isaan] ni jedhan: “Yaa Nuuh! [waan jettu irraa] yoo dhorgamuu baatte, warra dhakaan cafaqaman irraa taata.”

قَالَ رَبِّ إِنَّ قَوْمِى كَذَّبُونِ ﴿١١٧﴾

26:117 [Nuuhis] ni jedhe: “Yaa gooftaa kiyya! Dhugumatti, ummanni koo na sobsiisaniiru.

فَٱفْتَحْ بَيْنِى وَبَيْنَهُمْ فَتْحًا وَنَجِّنِى وَمَن مَّعِىَ مِنَ ٱلْمُؤْمِنِينَ ﴿١١٨﴾

26:118 Ati gidduu kiyyaafi gidduu isaaniitti murtii [haqaa] murteessiAnaafi Mu’uminoota irraa nama na waliin ta’anis baraarsi.”

فَأَنجَيْنَـٰهُ وَمَن مَّعَهُۥ فِى ٱلْفُلْكِ ٱلْمَشْحُونِ ﴿١١٩﴾

26:119 Nutis isaafi namoota isa waliin turan doonii guutamte keessatti isaan baraarsine

ثُمَّ أَغْرَقْنَا بَعْدُ ٱلْبَاقِينَ ﴿١٢٠﴾

26:120 Ergasii booda [bilisa isaan baasuutii] warra hafan ni dhidhimsine.

إِنَّ فِى ذَٰلِكَ لَـَٔايَةً ۖ وَمَا كَانَ أَكْثَرُهُم مُّؤْمِنِينَ ﴿١٢١﴾

26:121 Dhugumatti, kana keessa mallattootu jiraGaruu irra hedduun isaanii Mu’uminoota hin taane.

وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ ٱلْعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ ﴿١٢٢﴾

26:122 Dhugumatti Gooftaan kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha

كَذَّبَتْ عَادٌ ٱلْمُرْسَلِينَ ﴿١٢٣﴾

26:123 Aad (ummanni huud) ergamtoota sobsiifte.

إِذْ قَالَ لَهُمْ أَخُوهُمْ هُودٌ أَلَا تَتَّقُونَ ﴿١٢٤﴾

26:124 Yeroo obboleessi isaanii Huud isaaniin jedhe: “Sila (Rabbiin) hin sodaattanii?

إِنِّى لَكُمْ رَسُولٌ أَمِينٌ ﴿١٢٥﴾

26:125 Ani isiniif ergamaa amanamaadha.

فَٱتَّقُوا۟ ٱللَّهَ وَأَطِيعُونِ ﴿١٢٦﴾

26:126 Rabbiin sodaadhaa; ajaja kiyyas fudhaa.

وَمَآ أَسْـَٔلُكُمْ عَلَيْهِ مِنْ أَجْرٍ ۖ إِنْ أَجْرِىَ إِلَّا عَلَىٰ رَبِّ ٱلْعَـٰلَمِينَ ﴿١٢٧﴾

26:127 Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhu; mindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irratti malee hin taane.

أَتَبْنُونَ بِكُلِّ رِيعٍ ءَايَةً تَعْبَثُونَ ﴿١٢٨﴾

26:128 Sila isin kan [nama tarutti] qishintanu taatanii iddoo ol fuudhamaa hunda irratti [gamoo] mallattoo ijaartuu?

وَتَتَّخِذُونَ مَصَانِعَ لَعَلَّكُمْ تَخْلُدُونَ ﴿١٢٩﴾

26:129 Kuusaa bishaaniitiifi gamoowwanis akka waan keessatti haftanuutti tolfattuu?

وَإِذَا بَطَشْتُم بَطَشْتُمْ جَبَّارِينَ ﴿١٣٠﴾

26:130 Yeroo [namoota adabbiif] qabdanis gara jabeeyyii taatanii qabdan.

فَٱتَّقُوا۟ ٱللَّهَ وَأَطِيعُونِ ﴿١٣١﴾

26:131 Rabbiin sodaadhaa; ajaja kiyyas fudhaa.

وَٱتَّقُوا۟ ٱلَّذِىٓ أَمَدَّكُم بِمَا تَعْلَمُونَ ﴿١٣٢﴾

26:132 Isa waan [gaggaarii] isin beektan hundaan isin badhaases sodaadhaa.

أَمَدَّكُم بِأَنْعَـٰمٍ وَبَنِينَ ﴿١٣٣﴾

26:133 Beyladootaafi ilmaaniinis isin badhaase.

وَجَنَّـٰتٍ وَعُيُونٍ ﴿١٣٤﴾

26:134 Ashaakiltiiwwaniifi burqaawwaniinis [isin qananiise].

إِنِّىٓ أَخَافُ عَلَيْكُمْ عَذَابَ يَوْمٍ عَظِيمٍ ﴿١٣٥﴾

26:135 Ani adabbii Guyyaa guddaan isin irratti sodaadha.”

قَالُوا۟ سَوَآءٌ عَلَيْنَآ أَوَعَظْتَ أَمْ لَمْ تَكُن مِّنَ ٱلْوَٰعِظِينَ ﴿١٣٦﴾

26:136 [Ummanni Huud] ni jedhan: “Yoo nu gorsites yoo warra gorsan irraa ta’uu baattes nurratti waluma qixa

إِنْ هَـٰذَآ إِلَّا خُلُقُ ٱلْأَوَّلِينَ ﴿١٣٧﴾

26:137 Kun amaluma warra duriiti malee waan biraa miti.

وَمَا نَحْنُ بِمُعَذَّبِينَ ﴿١٣٨﴾

26:138 Nuti kan adabamnuu miti” [jedhan].

فَكَذَّبُوهُ فَأَهْلَكْنَـٰهُمْ ۗ إِنَّ فِى ذَٰلِكَ لَـَٔايَةً ۖ وَمَا كَانَ أَكْثَرُهُم مُّؤْمِنِينَ ﴿١٣٩﴾

26:139 Isa sobsiisanii Nutis isaan balleessineDhugumatti, kana keessa mallattootu jiraGaruu irra hedduun isaanii mu’uminoota hin taane.

وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ ٱلْعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ ﴿١٤٠﴾

26:140 Dhugumatti, Rabbiin kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha.

كَذَّبَتْ ثَمُودُ ٱلْمُرْسَلِينَ ﴿١٤١﴾

26:141 Samuud (ummanni Saalih) ergamtoota sobsiifte.

إِذْ قَالَ لَهُمْ أَخُوهُمْ صَـٰلِحٌ أَلَا تَتَّقُونَ ﴿١٤٢﴾

26:142 Yeroo obboleessi isaanii Saalih isaaniin jedhe: “Sila Rabbiin hin sodaattanii?

إِنِّى لَكُمْ رَسُولٌ أَمِينٌ ﴿١٤٣﴾

26:143 Ani isiniif ergamaa amanamaadha.

فَٱتَّقُوا۟ ٱللَّهَ وَأَطِيعُونِ ﴿١٤٤﴾

26:144 Rabbiin sodaadhaa; ajaja kiyyas fudhaa.

وَمَآ أَسْـَٔلُكُمْ عَلَيْهِ مِنْ أَجْرٍ ۖ إِنْ أَجْرِىَ إِلَّا عَلَىٰ رَبِّ ٱلْعَـٰلَمِينَ ﴿١٤٥﴾

26:145 Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhu; Mindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irra malee hin taane.

أَتُتْرَكُونَ فِى مَا هَـٰهُنَآ ءَامِنِينَ ﴿١٤٦﴾

26:146 Sila waan as jiru (qabeenya kana) keessatti nageenyaan dhiifamtuu?

فِى جَنَّـٰتٍ وَعُيُونٍ ﴿١٤٧﴾

26:147 Ashaakiltiiwwaniifi burqaawwan keessatti,

وَزُرُوعٍ وَنَخْلٍ طَلْعُهَا هَضِيمٌ ﴿١٤٨﴾

26:148 Oorruuwwaniifi muka tamirii ijji ishee Bilchaataa taate (keessattis ni dhiifamtuu?)

وَتَنْحِتُونَ مِنَ ٱلْجِبَالِ بُيُوتًا فَـٰرِهِينَ ﴿١٤٩﴾

26:149 Cocollee taatanii gaarreen irraas manoota bocattuu (soqattuu?)

فَٱتَّقُوا۟ ٱللَّهَ وَأَطِيعُونِ ﴿١٥٠﴾

26:150 Rabbiin sodaadhaa; ajaja kiyyas fudhaa.

وَلَا تُطِيعُوٓا۟ أَمْرَ ٱلْمُسْرِفِينَ ﴿١٥١﴾

26:151 Ajaja warra daangaa dabranii hin fudhatinaa.

ٱلَّذِينَ يُفْسِدُونَ فِى ٱلْأَرْضِ وَلَا يُصْلِحُونَ ﴿١٥٢﴾

26:152 Isaan Dachii keessatti badii raawwataniifi toltuu hin raawwannee” [jedhe].

قَالُوٓا۟ إِنَّمَآ أَنتَ مِنَ ٱلْمُسَحَّرِينَ ﴿١٥٣﴾

26:153 [Isaan] ni jedhan: “Ati namoota sihriin (falfalli) baay’een itti godhame irraa isa tokkoodha.

مَآ أَنتَ إِلَّا بَشَرٌ مِّثْلُنَا فَأْتِ بِـَٔايَةٍ إِن كُنتَ مِنَ ٱلصَّـٰدِقِينَ ﴿١٥٤﴾

26:154 Ati namuma akka keenyaati malee waan biraatii mitiWarra dhugaa dubbatan irraa yoo taate mallattoo fidi.”

قَالَ هَـٰذِهِۦ نَاقَةٌ لَّهَا شِرْبٌ وَلَكُمْ شِرْبُ يَوْمٍ مَّعْلُومٍ ﴿١٥٥﴾

26:155 [Saalihis] ni jedhe: “Isheen kun Gaala; isheef carraa dhugaatiitu jira; Isiniifis carraa dhugaatii guyyaa beekamaa ta’eetu jira.

وَلَا تَمَسُّوهَا بِسُوٓءٍ فَيَأْخُذَكُمْ عَذَابُ يَوْمٍ عَظِيمٍ ﴿١٥٦﴾

26:156 Hamtuun ishee hin tuqinaa[Yoo akkas gootan] adabbii guyyaa guddaatu isin mudata.”

فَعَقَرُوهَا فَأَصْبَحُوا۟ نَـٰدِمِينَ ﴿١٥٧﴾

26:157 Ishee waraananii yeroma san sheena’oota ta’an

فَأَخَذَهُمُ ٱلْعَذَابُ ۗ إِنَّ فِى ذَٰلِكَ لَـَٔايَةً ۖ وَمَا كَانَ أَكْثَرُهُم مُّؤْمِنِينَ ﴿١٥٨﴾

26:158 Adabbichis isaan qabateDhugumatti, kana keessa mallattootu jiraIrra hedduun isaanii Mu’uminoota hin taane

وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ ٱلْعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ ﴿١٥٩﴾

26:159 Dhugumatti Gooftaan kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha.

كَذَّبَتْ قَوْمُ لُوطٍ ٱلْمُرْسَلِينَ ﴿١٦٠﴾

26:160 Ummanni Luuxis ergamoota sobsiifte

إِذْ قَالَ لَهُمْ أَخُوهُمْ لُوطٌ أَلَا تَتَّقُونَ ﴿١٦١﴾

26:161 Yeroo obboleessi isaanii Luux isaanin jedhu: “Sila Rabbiin hin sodaattanii?

إِنِّى لَكُمْ رَسُولٌ أَمِينٌ ﴿١٦٢﴾

26:162 Dhugumatti, ani isiniif ergamaa amanamaadha.

فَٱتَّقُوا۟ ٱللَّهَ وَأَطِيعُونِ ﴿١٦٣﴾

26:163 Rabbiin sodaadhaa; ergaa kiyyas fudhaa.

وَمَآ أَسْـَٔلُكُمْ عَلَيْهِ مِنْ أَجْرٍ ۖ إِنْ أَجْرِىَ إِلَّا عَلَىٰ رَبِّ ٱلْعَـٰلَمِينَ ﴿١٦٤﴾

26:164 Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhuMindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irra malee hin taane.

أَتَأْتُونَ ٱلذُّكْرَانَ مِنَ ٱلْعَـٰلَمِينَ ﴿١٦٥﴾

26:165 Sila isin (qunnamtii saalaatiif) aalama hunda irraa dhiirotatti dhuftuu?

وَتَذَرُونَ مَا خَلَقَ لَكُمْ رَبُّكُم مِّنْ أَزْوَٰجِكُم ۚ بَلْ أَنتُمْ قَوْمٌ عَادُونَ ﴿١٦٦﴾

26:166 Waan Gooftaan keessan haadhotii manaa keessan irraa isiniif uumes ni dhiiftuu? Dhugumatti isin ummata daangaa dabritoota” [jedhe].

قَالُوا۟ لَئِن لَّمْ تَنتَهِ يَـٰلُوطُ لَتَكُونَنَّ مِنَ ٱلْمُخْرَجِينَ ﴿١٦٧﴾

26:167 [Isaan] ni jedhan: “Yaa Luux! Yoo [waan jettu irraa] hin dhorgamin, dhugumatti warra [biyyarraa] baafaman irraa taata.”

قَالَ إِنِّى لِعَمَلِكُم مِّنَ ٱلْقَالِينَ ﴿١٦٨﴾

26:168 [Luuxis] ni jedhe: “Dhugumatti, ani namoota dalagaa keessan jibban irraayyi.

رَبِّ نَجِّنِى وَأَهْلِى مِمَّا يَعْمَلُونَ ﴿١٦٩﴾

26:169 Yaa Gooftaa kiyya! Anaafi maatii kiyya waan isaan dalagan irraa nu baraari.”

فَنَجَّيْنَـٰهُ وَأَهْلَهُۥٓ أَجْمَعِينَ ﴿١٧٠﴾

26:170 Isaafi maatii isaas walumaa galatti ni baraarsine.

إِلَّا عَجُوزًا فِى ٱلْغَـٰبِرِينَ ﴿١٧١﴾

26:171 Jaartii tokko kan warra [adaba keessatti] hafan irraa taate malee

ثُمَّ دَمَّرْنَا ٱلْـَٔاخَرِينَ ﴿١٧٢﴾

26:172 Ergasii warra biroo ni balleessine.

وَأَمْطَرْنَا عَلَيْهِم مَّطَرًا ۖ فَسَآءَ مَطَرُ ٱلْمُنذَرِينَ ﴿١٧٣﴾

26:173 Bokkaa [adabbii] isaan irratti roobsineRoobni warra akeekkachiifamanii waa fokkate.

إِنَّ فِى ذَٰلِكَ لَـَٔايَةً ۖ وَمَا كَانَ أَكْثَرُهُم مُّؤْمِنِينَ ﴿١٧٤﴾

26:174 Dhugumatti, kana keessa mallattootu jiraIrra hedduun isaaniis Mu’uminoota hin taane.

وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ ٱلْعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ ﴿١٧٥﴾

26:175 Dhugumatti Gooftaan kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha.

كَذَّبَ أَصْحَـٰبُ لْـَٔيْكَةِ ٱلْمُرْسَلِينَ ﴿١٧٦﴾

26:176 .Jiraattonni Aykah (bosonaa) ergamoota sobsiifte.

إِذْ قَالَ لَهُمْ شُعَيْبٌ أَلَا تَتَّقُونَ ﴿١٧٧﴾

26:177 Yeroo Shu’ayb isaaniin jedhu: “sila Rabbiin hin sodaattanuu?

إِنِّى لَكُمْ رَسُولٌ أَمِينٌ ﴿١٧٨﴾

26:178 Ani isiniif ergamaa amanamaadha.

فَٱتَّقُوا۟ ٱللَّهَ وَأَطِيعُونِ ﴿١٧٩﴾

26:179 Rabbiin sodaadhaa; ergaa kiyyas fudhadhaa.

وَمَآ أَسْـَٔلُكُمْ عَلَيْهِ مِنْ أَجْرٍ ۖ إِنْ أَجْرِىَ إِلَّا عَلَىٰ رَبِّ ٱلْعَـٰلَمِينَ ﴿١٨٠﴾

26:180 Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhuMindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irra malee hin taane.

۞ أَوْفُوا۟ ٱلْكَيْلَ وَلَا تَكُونُوا۟ مِنَ ٱلْمُخْسِرِينَ ﴿١٨١﴾

26:181 Safara guutaa; [haqa namaa] hir’iftoota irraa hin ta’inaa.

وَزِنُوا۟ بِٱلْقِسْطَاسِ ٱلْمُسْتَقِيمِ ﴿١٨٢﴾

26:182 Madaala sirrii ta’een madaalaa.

وَلَا تَبْخَسُوا۟ ٱلنَّاسَ أَشْيَآءَهُمْ وَلَا تَعْثَوْا۟ فِى ٱلْأَرْضِ مُفْسِدِينَ ﴿١٨٣﴾

26:183 Namoota wantoota isaanii irraa hin hir’isinaa; badii hojjattoota taataniis dechii keessa badiin hin deeminaa.

وَٱتَّقُوا۟ ٱلَّذِى خَلَقَكُمْ وَٱلْجِبِلَّةَ ٱلْأَوَّلِينَ ﴿١٨٤﴾

26:184 Isa isiniifi dhaloota duraanii uume sodaadhaa.”

قَالُوٓا۟ إِنَّمَآ أَنتَ مِنَ ٱلْمُسَحَّرِينَ ﴿١٨٥﴾

26:185 [Isaan] ni jedhan: “Ati namoota sihriin (falfalli) baay’een itti godhame irraa isa tokkoodha.

وَمَآ أَنتَ إِلَّا بَشَرٌ مِّثْلُنَا وَإِن نَّظُنُّكَ لَمِنَ ٱلْكَـٰذِبِينَ ﴿١٨٦﴾

26:186 Ati nama fakkii keenyaa malee (uumaa biroo) hin taane; nutis sobdoota irraa ta’uu si yaadna.

فَأَسْقِطْ عَلَيْنَا كِسَفًا مِّنَ ٱلسَّمَآءِ إِن كُنتَ مِنَ ٱلصَّـٰدِقِينَ ﴿١٨٧﴾

26:187 Yoo warra dhugaa dubbatan irraa taate samii irraa cittuu wahii nurratti kuffisi” [jedhaniin].

قَالَ رَبِّىٓ أَعْلَمُ بِمَا تَعْمَلُونَ ﴿١٨٨﴾

26:188 [Inni] ni jedhe: “Gooftaan kiyya waan isin dalagdan beekaadha.”

فَكَذَّبُوهُ فَأَخَذَهُمْ عَذَابُ يَوْمِ ٱلظُّلَّةِ ۚ إِنَّهُۥ كَانَ عَذَابَ يَوْمٍ عَظِيمٍ ﴿١٨٩﴾

26:189 Isa sobsiisanAdabbiin guyyaa gaaddisaa (duumessa gurraachaa) isaan qabateDhugumatti, inni adabbii guyyaa guddaa ta’eera.

إِنَّ فِى ذَٰلِكَ لَـَٔايَةً ۖ وَمَا كَانَ أَكْثَرُهُم مُّؤْمِنِينَ ﴿١٩٠﴾

26:190 Dhugumatti, kana keessa mallattootu jiraGaruu irra hedduun isaanii mu’uminoota hin taane.

وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ ٱلْعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ ﴿١٩١﴾

26:191 Dhugumatti, Gooftaan kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha

وَإِنَّهُۥ لَتَنزِيلُ رَبِّ ٱلْعَـٰلَمِينَ ﴿١٩٢﴾

26:192 Dhugumatti, inni (Qur’aanni) buufamaa Gooftaa aalama hundaati

نَزَلَ بِهِ ٱلرُّوحُ ٱلْأَمِينُ ﴿١٩٣﴾

26:193 Ruuhii amanamaa ta’e (Jibriiltu) isaan bu’e

عَلَىٰ قَلْبِكَ لِتَكُونَ مِنَ ٱلْمُنذِرِينَ ﴿١٩٤﴾

26:194 Akka ati akeekkachiiftota irraa taatuuf jecha onnee kee irratti [buuse].

بِلِسَانٍ عَرَبِىٍّ مُّبِينٍ ﴿١٩٥﴾

26:195 Qooqa Arabiffaa ifaa ta’een.

وَإِنَّهُۥ لَفِى زُبُرِ ٱلْأَوَّلِينَ ﴿١٩٦﴾

26:196 Dhugumatti, inni (waa’een Qur’aanaa) kitaabota durii keessa jira.

أَوَلَمْ يَكُن لَّهُمْ ءَايَةً أَن يَعْلَمَهُۥ عُلَمَـٰٓؤُا۟ بَنِىٓ إِسْرَٰٓءِيلَ ﴿١٩٧﴾

26:197 Sila beektonni Ilmaan Israa’iil isa beekuun mallattoo isaaniif (warra Makkaatiif) hin ta’uu?

وَلَوْ نَزَّلْنَـٰهُ عَلَىٰ بَعْضِ ٱلْأَعْجَمِينَ ﴿١٩٨﴾

26:198 Odoo garii nama Araba hin ta’inii irratti isa (Qur’aana) buufnee,

فَقَرَأَهُۥ عَلَيْهِم مَّا كَانُوا۟ بِهِۦ مُؤْمِنِينَ ﴿١٩٩﴾

26:199 Innis isaan irratti dubbisee, isaan kan isatti amanan hin taane.

كَذَٰلِكَ سَلَكْنَـٰهُ فِى قُلُوبِ ٱلْمُجْرِمِينَ ﴿٢٠٠﴾

26:200 Akka kanatti isa (diddaa Qur’aanaa) onnee badi raawwattootaa keessa seensifne

لَا يُؤْمِنُونَ بِهِۦ حَتَّىٰ يَرَوُا۟ ٱلْعَذَابَ ٱلْأَلِيمَ ﴿٢٠١﴾

26:201 Hanga adabbii laalessaa ta’e arganitti isatti hin amananu

فَيَأْتِيَهُم بَغْتَةً وَهُمْ لَا يَشْعُرُونَ ﴿٢٠٢﴾

26:202 Inni (adabbichi) odoo isaan hin beekin tasa isaanitti dhufa

فَيَقُولُوا۟ هَلْ نَحْنُ مُنظَرُونَ ﴿٢٠٣﴾

26:203 [Akka amannuuf] “yeroon nuuf kennamuu danda’aa?” jedhu

أَفَبِعَذَابِنَا يَسْتَعْجِلُونَ ﴿٢٠٤﴾

26:204 Sila adabbii keenya ariifachiifatuu?

أَفَرَءَيْتَ إِن مَّتَّعْنَـٰهُمْ سِنِينَ ﴿٢٠٥﴾

26:205 Mee naaf himi! Odoo waggoota hedduuf isaan qanansiifnee,

ثُمَّ جَآءَهُم مَّا كَانُوا۟ يُوعَدُونَ ﴿٢٠٦﴾

26:206 Sana booda wanti isaan ittiin akeekkachiifamaa turan isaanitti dhufee,

مَآ أَغْنَىٰ عَنْهُم مَّا كَانُوا۟ يُمَتَّعُونَ ﴿٢٠٧﴾

26:207 Wanti isaan ittiin qanani’aa turan [adaba Rabbii irraa] maal isaan irraa deebisa?

وَمَآ أَهْلَكْنَا مِن قَرْيَةٍ إِلَّا لَهَا مُنذِرُونَ ﴿٢٠٨﴾

26:208 Magaalaa tokkollee akeekkachiisaan isaaniif jiraatu malee isaan hin balleessine

ذِكْرَىٰ وَمَا كُنَّا ظَـٰلِمِينَ ﴿٢٠٩﴾

26:209 [Kun] yaadachiisa; Nuti miidhaa hojjattoota hin taane.

وَمَا تَنَزَّلَتْ بِهِ ٱلشَّيَـٰطِينُ ﴿٢١٠﴾

26:210 Sheyxaanonnis isaan [Qur’aanaan] hin buune.

وَمَا يَنۢبَغِى لَهُمْ وَمَا يَسْتَطِيعُونَ ﴿٢١١﴾

26:211 Isaaniifis hin malu[Isa fiduu] hin danda’anus

إِنَّهُمْ عَنِ ٱلسَّمْعِ لَمَعْزُولُونَ ﴿٢١٢﴾

26:212 Dhugumatti, isaan isa dhagahuu irraa fageeffamoodha

فَلَا تَدْعُ مَعَ ٱللَّهِ إِلَـٰهًا ءَاخَرَ فَتَكُونَ مِنَ ٱلْمُعَذَّبِينَ ﴿٢١٣﴾

26:213 Rabbii waliin gooftaa biraa hin kadhatin[Yoo akkas goote] warra adabaman irraa taata.

وَأَنذِرْ عَشِيرَتَكَ ٱلْأَقْرَبِينَ ﴿٢١٤﴾

26:214 Firoota kee dhihoo ta’an akeekkachiisi.

وَٱخْفِضْ جَنَاحَكَ لِمَنِ ٱتَّبَعَكَ مِنَ ٱلْمُؤْمِنِينَ ﴿٢١٥﴾

26:215 Mu’uminoota irraa nama si hordofeef nyaara (kooluu) kee gadi qabi.

فَإِنْ عَصَوْكَ فَقُلْ إِنِّى بَرِىٓءٌ مِّمَّا تَعْمَلُونَ ﴿٢١٦﴾

26:216 Yoo ajaja kee fudhachuu didanis “Ani waan isin hojjattan irraa qulqulluudha” jedhiin.

وَتَوَكَّلْ عَلَى ٱلْعَزِيزِ ٱلرَّحِيمِ ﴿٢١٧﴾

26:217 [Rabbii] injifataa, rahmata godhaa ta’e irratti hirkadhu.

ٱلَّذِى يَرَىٰكَ حِينَ تَقُومُ ﴿٢١٨﴾

26:218 Isa yeroo ati dhaabbattu si argu [irratti hirkadhu]

وَتَقَلُّبَكَ فِى ٱلسَّـٰجِدِينَ ﴿٢١٩﴾

26:219 [Isa] sochiiwwan ati warra sagadan keessatti gootu [argu irratti hirkadhu]

إِنَّهُۥ هُوَ ٱلسَّمِيعُ ٱلْعَلِيمُ ﴿٢٢٠﴾

26:220 Dhugumatti, Inni Isatu argaa, beekaadha.

هَلْ أُنَبِّئُكُمْ عَلَىٰ مَن تَنَزَّلُ ٱلشَّيَـٰطِينُ ﴿٢٢١﴾

26:221 Sheyxaanonni eenyu irratti akka bu’an isinitti himuu?

تَنَزَّلُ عَلَىٰ كُلِّ أَفَّاكٍ أَثِيمٍ ﴿٢٢٢﴾

26:222 Kijibaa, badii hojjataa hunda irratti buuti

يُلْقُونَ ٱلسَّمْعَ وَأَكْثَرُهُمْ كَـٰذِبُونَ ﴿٢٢٣﴾

26:223 Wanta dhagahanis [waa himtuu irratti] gadi buusuIrra baay’een isaanii immo kijibdoota

وَٱلشُّعَرَآءُ يَتَّبِعُهُمُ ٱلْغَاوُۥنَ ﴿٢٢٤﴾

26:224 Walaleessitoota jallattootatu isaan hordofa.

أَلَمْ تَرَ أَنَّهُمْ فِى كُلِّ وَادٍ يَهِيمُونَ ﴿٢٢٥﴾

26:225 Isaan dhugumatti sulula (bowwaa) hunda keessa akka seenan hin agartuu?

وَأَنَّهُمْ يَقُولُونَ مَا لَا يَفْعَلُونَ ﴿٢٢٦﴾

26:226 Dhugumatti isaan waan hin dalagne kan dubbatan ta’uu [hin agartuu]?

إِلَّا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ وَعَمِلُوا۟ ٱلصَّـٰلِحَـٰتِ وَذَكَرُوا۟ ٱللَّهَ كَثِيرًا وَٱنتَصَرُوا۟ مِنۢ بَعْدِ مَا ظُلِمُوا۟ ۗ وَسَيَعْلَمُ ٱلَّذِينَ ظَلَمُوٓا۟ أَىَّ مُنقَلَبٍ يَنقَلِبُونَ ﴿٢٢٧﴾

26:227 Warra amananiifi gaggaarii hojjatan, kan baay’inaan Rabbiin faarsan, erga miidhamanii booda [walaloodhaan] of irraa deebisan [harka kaffalatan] malee[Isaan hin komatanu]Isaan miidhaa dalaganis [eega du’anii booda] deebifama akkamii akka deebifaman beekuuf jiru.

Do you really know Surah Ash-Shu'ara by heart?

A short test shows exactly where you slip. No sign-up, free.

Start the test

Hear Surah Ash-Shu'ara from all 90 reciters →