بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَـٰنِ ٱلرَّحِيمِ ﴿١﴾
1:1 Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Ta’eetiin
ٱلْحَمْدُ لِلَّهِ رَبِّ ٱلْعَـٰلَمِينَ ﴿٢﴾
1:2 Faaruun hundi kan Rabbii Gooftaa aalamaati
ٱلرَّحْمَـٰنِ ٱلرَّحِيمِ ﴿٣﴾
1:3 Akkaan mararfataa akkaan rahmata godhaa.
مَـٰلِكِ يَوْمِ ٱلدِّينِ ﴿٤﴾
1:4 Abbaa (mootii) guyyaa murtii
إِيَّاكَ نَعْبُدُ وَإِيَّاكَ نَسْتَعِينُ ﴿٥﴾
1:5 Si qofa gabbarra; Si qofa gargaarsifannas
ٱهْدِنَا ٱلصِّرَٰطَ ٱلْمُسْتَقِيمَ ﴿٦﴾
1:6 Daandii sirrii nu qajeelchi.
صِرَٰطَ ٱلَّذِينَ أَنْعَمْتَ عَلَيْهِمْ غَيْرِ ٱلْمَغْضُوبِ عَلَيْهِمْ وَلَا ٱلضَّآلِّينَ ﴿٧﴾
1:7 Karaa warra isaan irratti tola ooltee; kan isaan irratti hin dallanaminiifi hin jallatinii (nu qajeelchi)