QuranQuiz bySALSABIL STUDIO
Open the appOpen app

سورة النازعات

Surah An-Nazi'at in Oromo

46 ayat · Meccan · Surah 79 of 114

🌐 Translation: Afaan Oromoo

Englishالعربية (بلا ترجمة)اردوBahasa IndonesiaBahasa MelayuTürkçeFrançaisDeutschEspañolPortuguêsItalianoNederlandsРусскийفارسیবাংলাहिन्दीSoomaaliKiswahiliHausaShqipBosanskiAzərbaycancaOʻzbekcha中文日本語한국어ภาษาไทยTiếng ViệtTagalogپښتوPolskiSvenskaNorskSuomiČeštinaRomânăБългарскиУкраїнськаעבריתதமிழ்മലയാളംతెలుగుमराठीગુજરાતીनेपालीසිංහලঅসমীয়াسنڌيدریKurdîދިވެހިئۇيغۇرچەአማርኛAfaan OromooYorùbáKinyarwandaBamanankanChiyaoTamaziɣtMëranawТоҷикӣҚазақшаТатарчаភាសាខ្មែរEnglish (Abdel Haleem)

Translation: Ghali Apapur Apaghuna

بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَـٰنِ ٱلرَّحِيمِ

وَٱلنَّـٰزِعَـٰتِ غَرْقًا ﴿١﴾

79:1 [Maleykaa lubbuu kaafiraa] humnaan buttuunin (kakadha).

وَٱلنَّـٰشِطَـٰتِ نَشْطًا ﴿٢﴾

79:2 [Kan lubbuu mu’uminaa] luqqisuu suuta luqqiftuunis.

وَٱلسَّـٰبِحَـٰتِ سَبْحًا ﴿٣﴾

79:3 [Kan ajaja Rabbii geessuuf] adeemuu demaniinis.

فَٱلسَّـٰبِقَـٰتِ سَبْقًا ﴿٤﴾

79:4 Maleykota] dorgommii wal dorgomaniinis

فَٱلْمُدَبِّرَٰتِ أَمْرًا ﴿٥﴾

79:5 (Kan) ajaja Rabbii gara dachii geessaniininis (nan kakadha

يَوْمَ تَرْجُفُ ٱلرَّاجِفَةُ ﴿٦﴾

79:6 Guyyaa sochootuun [afuuffiin xurumbaa nama] sochooftu;

تَتْبَعُهَا ٱلرَّادِفَةُ ﴿٧﴾

79:7 Hordoftuutu (afuuffii biraatu) ishee hordofa.

قُلُوبٌ يَوْمَئِذٍ وَاجِفَةٌ ﴿٨﴾

79:8 Onneen gariin guyyaa san rifattuudha.

أَبْصَـٰرُهَا خَـٰشِعَةٌ ﴿٩﴾

79:9 Ijji ishee salphattuudha.

يَقُولُونَ أَءِنَّا لَمَرْدُودُونَ فِى ٱلْحَافِرَةِ ﴿١٠﴾

79:10 Ni jedhu: "sila nuti dhugumatti haala jireenya duriitti ni deebifamnaa?

أَءِذَا كُنَّا عِظَـٰمًا نَّخِرَةً ﴿١١﴾

79:11 Sila erga lafee dhumte taanee moo?

قَالُوا۟ تِلْكَ إِذًا كَرَّةٌ خَاسِرَةٌ ﴿١٢﴾

79:12 Yoo akkas ta'e sun deebii hoongooti" jedhan.

فَإِنَّمَا هِىَ زَجْرَةٌ وَٰحِدَةٌ ﴿١٣﴾

79:13 Isheen iyya (afuuffii) tokko qofa.

فَإِذَا هُم بِٱلسَّاهِرَةِ ﴿١٤﴾

79:14 Yeroma san isaan gubbaa dachii irratti ta'u

هَلْ أَتَىٰكَ حَدِيثُ مُوسَىٰٓ ﴿١٥﴾

79:15 Sila haasofni waa’ee Muusaa sitti dhufee?

إِذْ نَادَىٰهُ رَبُّهُۥ بِٱلْوَادِ ٱلْمُقَدَّسِ طُوًى ﴿١٦﴾

79:16 Yeroo Gooftaan isaa laga qulqulleffamaa "Xuwaa" jedhamu keessatti isatti lallabe.

ٱذْهَبْ إِلَىٰ فِرْعَوْنَ إِنَّهُۥ طَغَىٰ ﴿١٧﴾

79:17 Gara Fir'awn deemi; inni daangaa darbee jira.

فَقُلْ هَل لَّكَ إِلَىٰٓ أَن تَزَكَّىٰ ﴿١٨﴾

79:18 Jedhiin: "sila gara (shirkii irraa) qulqulleffachuutti fedha qabdaa?

وَأَهْدِيَكَ إِلَىٰ رَبِّكَ فَتَخْشَىٰ ﴿١٩﴾

79:19 Akka sodaattuuf gara Gooftaa keetii si qajeelchutti (fedha qabdaa)."

فَأَرَىٰهُ ٱلْـَٔايَةَ ٱلْكُبْرَىٰ ﴿٢٠﴾

79:20 [Muusan] mallattoo guddaa isa (Fir'awniin) agarsiise.

فَكَذَّبَ وَعَصَىٰ ﴿٢١﴾

79:21 Inni (Fir’awn) sobsiisee faallesse.

ثُمَّ أَدْبَرَ يَسْعَىٰ ﴿٢٢﴾

79:22 Ergasii ariifataa gara gale.

فَحَشَرَ فَنَادَىٰ ﴿٢٣﴾

79:23 Sana booda walitti qabee lallabe:

فَقَالَ أَنَا۠ رَبُّكُمُ ٱلْأَعْلَىٰ ﴿٢٤﴾

79:24 “Ani gooftaa keessan isa ol aanaadha” jedhe.

فَأَخَذَهُ ٱللَّهُ نَكَالَ ٱلْـَٔاخِرَةِ وَٱلْأُولَىٰٓ ﴿٢٥﴾

79:25 Sana booda Rabbiin adabbii [badii] boodaatiifi jalqabaatiifis isa qabe.

إِنَّ فِى ذَٰلِكَ لَعِبْرَةً لِّمَن يَخْشَىٰٓ ﴿٢٦﴾

79:26 Dugumatti, kana keessa nama Rabbiin sodaatuuf gorsatu jira.

ءَأَنتُمْ أَشَدُّ خَلْقًا أَمِ ٱلسَّمَآءُ ۚ بَنَىٰهَا ﴿٢٧﴾

79:27 Sila uumaa keessantu irra jabaata moo samii dha? Inni (Rabbiin) ishee ni ijaare.

رَفَعَ سَمْكَهَا فَسَوَّىٰهَا ﴿٢٨﴾

79:28 Ijaarsa ishee ol fuudhee, ishee wal qixxeesse.

وَأَغْطَشَ لَيْلَهَا وَأَخْرَجَ ضُحَىٰهَا ﴿٢٩﴾

79:29 Halkan ishee dukkaneessee guyyaa ishee ibse.

وَٱلْأَرْضَ بَعْدَ ذَٰلِكَ دَحَىٰهَآ ﴿٣٠﴾

79:30 Dachii sana booda sirreesse.

أَخْرَجَ مِنْهَا مَآءَهَا وَمَرْعَىٰهَا ﴿٣١﴾

79:31 Ishee irraa bishaan isheetiifi biqiltuu ishee ni baase.

وَٱلْجِبَالَ أَرْسَىٰهَا ﴿٣٢﴾

79:32 Gaarreenis dachii irra ni dhaabe.

مَتَـٰعًا لَّكُمْ وَلِأَنْعَـٰمِكُمْ ﴿٣٣﴾

79:33 Isiniifi beelladoota keessan qanansiisuuf [kana godhe].

فَإِذَا جَآءَتِ ٱلطَّآمَّةُ ٱلْكُبْرَىٰ ﴿٣٤﴾

79:34 Yeroo balaan guddoon (Qiyaamaan) dhufte,

يَوْمَ يَتَذَكَّرُ ٱلْإِنسَـٰنُ مَا سَعَىٰ ﴿٣٥﴾

79:35 Guyyaa namni waan hojjate hunda yaadatu,

وَبُرِّزَتِ ٱلْجَحِيمُ لِمَن يَرَىٰ ﴿٣٦﴾

79:36 (Guyyaa) ibiddi jahannam namuma arguuf mul'atte,

فَأَمَّا مَن طَغَىٰ ﴿٣٧﴾

79:37 Namni daangaa dabree,

وَءَاثَرَ ٱلْحَيَوٰةَ ٱلدُّنْيَا ﴿٣٨﴾

79:38 Jireenya addunyaa kanaa filate,

فَإِنَّ ٱلْجَحِيمَ هِىَ ٱلْمَأْوَىٰ ﴿٣٩﴾

79:39 Dhugumatti, teesson isaa jahannami.

وَأَمَّا مَنْ خَافَ مَقَامَ رَبِّهِۦ وَنَهَى ٱلنَّفْسَ عَنِ ٱلْهَوَىٰ ﴿٤٠﴾

79:40 Namni Gooftaa isaa dura dhaabbachuu sodaatee, lubbuu isaa waan isheen hawwitu irraa dhorge,

فَإِنَّ ٱلْجَنَّةَ هِىَ ٱلْمَأْوَىٰ ﴿٤١﴾

79:41 Dhugumatti, jannanni bakka qubannaa isaati.

يَسْـَٔلُونَكَ عَنِ ٱلسَّاعَةِ أَيَّانَ مُرْسَىٰهَا ﴿٤٢﴾

79:42 [Yaa Muhammad SAW!] Qiyaamaa irraa, yoom argamtii ishee si gaafatu.

فِيمَ أَنتَ مِن ذِكْرَىٰهَآ ﴿٤٣﴾

79:43 Ati beekumsa ishee irraa maal keessa jirta?

إِلَىٰ رَبِّكَ مُنتَهَىٰهَآ ﴿٤٤﴾

79:44 Beekumsi ishee kan dhumaa garuma Gooftaa keetiiti.

إِنَّمَآ أَنتَ مُنذِرُ مَن يَخْشَىٰهَا ﴿٤٥﴾

79:45 Dhugumatti, ati akeekkachiisaa nama ishee sodaatuuti.

كَأَنَّهُمْ يَوْمَ يَرَوْنَهَا لَمْ يَلْبَثُوٓا۟ إِلَّا عَشِيَّةً أَوْ ضُحَىٰهَا ﴿٤٦﴾

79:46 Isaan guyyaa ishee argan waan galgala tokko yookiin ganama tokko malee (addunyaa irra) hin turin itti fakkaata

Do you really know Surah An-Nazi'at by heart?

A short test shows exactly where you slip. No sign-up, free.

Start the test

Hear Surah An-Nazi'at from all 90 reciters →