بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَـٰنِ ٱلرَّحِيمِ
أَلْهَىٰكُمُ ٱلتَّكَاثُرُ ﴿١﴾
102:1 Baay’ifachuun (ibaadaa irraa) isin jaataneesse (shaagale).
حَتَّىٰ زُرْتُمُ ٱلْمَقَابِرَ ﴿٢﴾
102:2 Hanga awwaala dhaqxanitti (duutanitti).
كَلَّا سَوْفَ تَعْلَمُونَ ﴿٣﴾
102:3 Dhorgamaa! Fuula dura beekuuf jirtu.
ثُمَّ كَلَّا سَوْفَ تَعْلَمُونَ ﴿٤﴾
102:4 Ergasiis dhorgamaa! Fuula dura beekuuf jirtu
كَلَّا لَوْ تَعْلَمُونَ عِلْمَ ٱلْيَقِينِ ﴿٥﴾
102:5 Dhugumatti, odoo beekumsa mirkanaa’aa beektanii (hin shaagalamtanu ture).
لَتَرَوُنَّ ٱلْجَحِيمَ ﴿٦﴾
102:6 Dhugumatti ibidda ni argitu.
ثُمَّ لَتَرَوُنَّهَا عَيْنَ ٱلْيَقِينِ ﴿٧﴾
102:7 Ergasii argaa mirkanaa’aa arguuf jirtu
ثُمَّ لَتُسْـَٔلُنَّ يَوْمَئِذٍ عَنِ ٱلنَّعِيمِ ﴿٨﴾
102:8 Ergasii dhugumatti guyyaa san qananii irraa gaafatamuuf jirtu