بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَـٰنِ ٱلرَّحِيمِ
إِذَا وَقَعَتِ ٱلْوَاقِعَةُ ﴿١﴾
56:1 Yeroo argamtuun (Qiyaamaan) argamte,
لَيْسَ لِوَقْعَتِهَا كَاذِبَةٌ ﴿٢﴾
56:2 Argama isheetiif kijibni hin jirtu.
خَافِضَةٌ رَّافِعَةٌ ﴿٣﴾
56:3 Gadi qabduu, ol fuutuudha.
إِذَا رُجَّتِ ٱلْأَرْضُ رَجًّا ﴿٤﴾
56:4 Yeroo dachiin raafama cimaa raafamte,
وَبُسَّتِ ٱلْجِبَالُ بَسًّا ﴿٥﴾
56:5 (Yeroo) gaarreenis facaafamiinsa facaafamte,
فَكَانَتْ هَبَآءً مُّنۢبَثًّا ﴿٦﴾
56:6 Dhukkee facaafamtuus taate,
وَكُنتُمْ أَزْوَٰجًا ثَلَـٰثَةً ﴿٧﴾
56:7 (Yeroo) Isinis garee sadi taatan,
فَأَصْحَـٰبُ ٱلْمَيْمَنَةِ مَآ أَصْحَـٰبُ ٱلْمَيْمَنَةِ ﴿٨﴾
56:8 (Gareen tokko) warra mirgaati; warri mirgaa akkam (milkaa’oo dha)!
وَأَصْحَـٰبُ ٱلْمَشْـَٔمَةِ مَآ أَصْحَـٰبُ ٱلْمَشْـَٔمَةِ ﴿٩﴾
56:9 (Gareen lammaffaan) warra bitaati; warri bitaa akkam (hoonga’oo dha)!
وَٱلسَّـٰبِقُونَ ٱلسَّـٰبِقُونَ ﴿١٠﴾
56:10 (Gareen sadaffaa) Isaan gara toltuutti dursitoota dursoodha.
أُو۟لَـٰٓئِكَ ٱلْمُقَرَّبُونَ ﴿١١﴾
56:11 Isaan (Rabbitti) dhiheeffamoota.
فِى جَنَّـٰتِ ٱلنَّعِيمِ ﴿١٢﴾
56:12 Jannata qananii keessatti ta’u.
ثُلَّةٌ مِّنَ ٱلْأَوَّلِينَ ﴿١٣﴾
56:13 Warra duraa irraa baay’eedha.
وَقَلِيلٌ مِّنَ ٱلْـَٔاخِرِينَ ﴿١٤﴾
56:14 Warra boodaa irraa immoo xiqqoodha.
عَلَىٰ سُرُرٍ مَّوْضُونَةٍ ﴿١٥﴾
56:15 Sireewwan dhawamte irratti ta’u.
مُّتَّكِـِٔينَ عَلَيْهَا مُتَقَـٰبِلِينَ ﴿١٦﴾
56:16 Fuulaan walitti garagalanii ishee irratti hirkatu.
يَطُوفُ عَلَيْهِمْ وِلْدَٰنٌ مُّخَلَّدُونَ ﴿١٧﴾
56:17 Ijoollee (ijoollummaan) yeroo hunda jiraatantu isaan irra naanna’a
بِأَكْوَابٍ وَأَبَارِيقَ وَكَأْسٍ مِّن مَّعِينٍ ﴿١٨﴾
56:18 Kubbaayyaa, quluufi geeba (xoofoo) farsoo irraa ta’een.
لَّا يُصَدَّعُونَ عَنْهَا وَلَا يُنزِفُونَ ﴿١٩﴾
56:19 Isii irraa hin bowwaafatan; hin machaa’anis.
وَفَـٰكِهَةٍ مِّمَّا يَتَخَيَّرُونَ ﴿٢٠﴾
56:20 Fuduraalee irraa waan isaan filataniin (irra naanna’u).
وَلَحْمِ طَيْرٍ مِّمَّا يَشْتَهُونَ ﴿٢١﴾
56:21 Foon allaattii irraas waan isaan fedhaniin
وَحُورٌ عِينٌ ﴿٢٢﴾
56:22 Dubra adaadii ija babal’ootu (isiniif jira.)
كَأَمْثَـٰلِ ٱللُّؤْلُؤِ ٱلْمَكْنُونِ ﴿٢٣﴾
56:23 Akka faaya eegamaa kan fafakkaatan.
جَزَآءًۢ بِمَا كَانُوا۟ يَعْمَلُونَ ﴿٢٤﴾
56:24 Mindaa waan hojjataa turaniif jecha (kana isaaniif goone).
لَا يَسْمَعُونَ فِيهَا لَغْوًا وَلَا تَأْثِيمًا ﴿٢٥﴾
56:25 Isii (jannata) keessatti wacaafi wal arrabsuus hin dhaga’an.
إِلَّا قِيلًا سَلَـٰمًا سَلَـٰمًا ﴿٢٦﴾
56:26 “Nagayaa nagayaa waliin jechuu malee” (hin dhaga’an).
وَأَصْحَـٰبُ ٱلْيَمِينِ مَآ أَصْحَـٰبُ ٱلْيَمِينِ ﴿٢٧﴾
56:27 Warri mirgaa; warra mirgaa waa’een isaanii akkam tola!
فِى سِدْرٍ مَّخْضُودٍ ﴿٢٨﴾
56:28 (Isaan) mukkeen qurquraa kan qoree hin qabne keessa jiraatu.
وَطَلْحٍ مَّنضُودٍ ﴿٢٩﴾
56:29 Muuza firiidhaan guutame (keessa jiraatu).
وَظِلٍّ مَّمْدُودٍ ﴿٣٠﴾
56:30 Gaaddisa diriirfamaa (keessa).
وَمَآءٍ مَّسْكُوبٍ ﴿٣١﴾
56:31 Bishaan dhangala’u (keessa).
وَفَـٰكِهَةٍ كَثِيرَةٍ ﴿٣٢﴾
56:32 Fuduraalee baay’ee (keessa).
لَّا مَقْطُوعَةٍ وَلَا مَمْنُوعَةٍ ﴿٣٣﴾
56:33 Kan maddi isaanii hin cinneefi kan irraa hin dhorgamne (keessa).
وَفُرُشٍ مَّرْفُوعَةٍ ﴿٣٤﴾
56:34 Firaasholee ol fuudhamtuu (keessa jiraatu.)
إِنَّآ أَنشَأْنَـٰهُنَّ إِنشَآءً ﴿٣٥﴾
56:35 Dhugumatti, Nuti (dubartoota jannataa) uuminsa isaan uumne.
فَجَعَلْنَـٰهُنَّ أَبْكَارًا ﴿٣٦﴾
56:36 Dubroota isaan goone.
عُرُبًا أَتْرَابًا ﴿٣٧﴾
56:37 Jaallattoota (abbaa manaa), kan hiriyoota ta’an (isaan goone).
لِّأَصْحَـٰبِ ٱلْيَمِينِ ﴿٣٨﴾
56:38 Warra mirgaatiif (qophaa’an).
ثُلَّةٌ مِّنَ ٱلْأَوَّلِينَ ﴿٣٩﴾
56:39 Hedduun (isaanii) warra duraa irraayi.
وَثُلَّةٌ مِّنَ ٱلْـَٔاخِرِينَ ﴿٤٠﴾
56:40 Warra boodaa irraahis baay’eedha.
وَأَصْحَـٰبُ ٱلشِّمَالِ مَآ أَصْحَـٰبُ ٱلشِّمَالِ ﴿٤١﴾
56:41 Warri bitaa; warri bitaa akkam (fokkatu)!
فِى سَمُومٍ وَحَمِيمٍ ﴿٤٢﴾
56:42 Ibidda laalessaafi bishaan danfaa keessa jiraatu.
وَظِلٍّ مِّن يَحْمُومٍ ﴿٤٣﴾
56:43 Gaaddisa aara gurraacha irraa ta’e keessa.
لَّا بَارِدٍ وَلَا كَرِيمٍ ﴿٤٤﴾
56:44 (Gaaddiisa) qabbanaa’aa hin ta’iniifi gaariis hin ta’in.
إِنَّهُمْ كَانُوا۟ قَبْلَ ذَٰلِكَ مُتْرَفِينَ ﴿٤٥﴾
56:45 Dhugumatti, isaan sana dura qanansiifamoo turan.
وَكَانُوا۟ يُصِرُّونَ عَلَى ٱلْحِنثِ ٱلْعَظِيمِ ﴿٤٦﴾
56:46 Dilii guddaa itti fufu turan.
وَكَانُوا۟ يَقُولُونَ أَئِذَا مِتْنَا وَكُنَّا تُرَابًا وَعِظَـٰمًا أَءِنَّا لَمَبْعُوثُونَ ﴿٤٧﴾
56:47 “Sila yeroo duunee biyyeefi lafee taane, dhugumatti nuti kaafamoodhaa?” jedhaa turan
أَوَءَابَآؤُنَا ٱلْأَوَّلُونَ ﴿٤٨﴾
56:48 “Abbootiin keenya kan jalqabaas moo?” (jechuu turan).
قُلْ إِنَّ ٱلْأَوَّلِينَ وَٱلْـَٔاخِرِينَ ﴿٤٩﴾
56:49 “(Yaa Muhammad!) dhugumatti, isaan jalqabaas ta’ee isaan boodaas (ni kaafamu)” jedhiin
لَمَجْمُوعُونَ إِلَىٰ مِيقَـٰتِ يَوْمٍ مَّعْلُومٍ ﴿٥٠﴾
56:50 Beellama guyyaa beekamaa keessatti walitti qabamuuf jiru.
ثُمَّ إِنَّكُمْ أَيُّهَا ٱلضَّآلُّونَ ٱلْمُكَذِّبُونَ ﴿٥١﴾
56:51 Ergasii isin yaa jallattoota sobsiiftotaa!
لَـَٔاكِلُونَ مِن شَجَرٍ مِّن زَقُّومٍ ﴿٥٢﴾
56:52 Muka Zaqquum irraa nyaatoodha.
فَمَالِـُٔونَ مِنْهَا ٱلْبُطُونَ ﴿٥٣﴾
56:53 Ishee irraas garaa keessan guuttatoodha.
فَشَـٰرِبُونَ عَلَيْهِ مِنَ ٱلْحَمِيمِ ﴿٥٤﴾
56:54 Isa irrattis bishaan danfaa dhugoodha.
فَشَـٰرِبُونَ شُرْبَ ٱلْهِيمِ ﴿٥٥﴾
56:55 Dhugaatii akka gaala dheebottee dhugdu.
هَـٰذَا نُزُلُهُمْ يَوْمَ ٱلدِّينِ ﴿٥٦﴾
56:56 Kun simannaa isaanii kan guyyaa murtiiti.
نَحْنُ خَلَقْنَـٰكُمْ فَلَوْلَا تُصَدِّقُونَ ﴿٥٧﴾
56:57 Nuti isin uumnee; maaliif hin dhugoomsine?
أَفَرَءَيْتُم مَّا تُمْنُونَ ﴿٥٨﴾
56:58 Waan (maniyyii) dhangalaaftan san mee naaf himaa?
ءَأَنتُمْ تَخْلُقُونَهُۥٓ أَمْ نَحْنُ ٱلْخَـٰلِقُونَ ﴿٥٩﴾
56:59 Sila isintu isa uumamoo? Nutu uumoo dha?
نَحْنُ قَدَّرْنَا بَيْنَكُمُ ٱلْمَوْتَ وَمَا نَحْنُ بِمَسْبُوقِينَ ﴿٦٠﴾
56:60 Nutu du’a gidduu keessanitti murteesseNuti dadhabsiifamoo miti.
عَلَىٰٓ أَن نُّبَدِّلَ أَمْثَـٰلَكُمْ وَنُنشِئَكُمْ فِى مَا لَا تَعْلَمُونَ ﴿٦١﴾
56:61 Fakkaataa keessan jijjiiree, waan isin hin beekne keessatti isin uumuu irratti (dadhaboo miti).
وَلَقَدْ عَلِمْتُمُ ٱلنَّشْأَةَ ٱلْأُولَىٰ فَلَوْلَا تَذَكَّرُونَ ﴿٦٢﴾
56:62 Dhugumatti, akkaataa uumama jalqabaa beektanii jirtu; maaliif hin gorfamne?
أَفَرَءَيْتُم مَّا تَحْرُثُونَ ﴿٦٣﴾
56:63 Mee waa’ee waan facaaftanii naaf himaa!
ءَأَنتُمْ تَزْرَعُونَهُۥٓ أَمْ نَحْنُ ٱلزَّٰرِعُونَ ﴿٦٤﴾
56:64 Isintu isa biqilcha moo Nutu biqilchoo dha?
لَوْ نَشَآءُ لَجَعَلْنَـٰهُ حُطَـٰمًا فَظَلْتُمْ تَفَكَّهُونَ ﴿٦٥﴾
56:65 Odoo feenee caccabaa gooneeti kan dinqisiifattan taatan.
إِنَّا لَمُغْرَمُونَ ﴿٦٦﴾
56:66 “Nuti dhugumatti hoonga’oodha”(jettu).
بَلْ نَحْنُ مَحْرُومُونَ ﴿٦٧﴾
56:67 “Lakkisaa; nuti dhorgamoodha” (waliin jettu).
أَفَرَءَيْتُمُ ٱلْمَآءَ ٱلَّذِى تَشْرَبُونَ ﴿٦٨﴾
56:68 Mee waa’ee bishaan dhugdanii san Naaf himaa?
ءَأَنتُمْ أَنزَلْتُمُوهُ مِنَ ٱلْمُزْنِ أَمْ نَحْنُ ٱلْمُنزِلُونَ ﴿٦٩﴾
56:69 Sila duumessa irraa isintu isa buusee? Moo Nutu (isa) buusoo dha?
لَوْ نَشَآءُ جَعَلْنَـٰهُ أُجَاجًا فَلَوْلَا تَشْكُرُونَ ﴿٧٠﴾
56:70 Odoo feenee soogiddoo (kuraawaa) isa taasifnaSila maaliif (Rabbiin) hin galatoomfanne?
أَفَرَءَيْتُمُ ٱلنَّارَ ٱلَّتِى تُورُونَ ﴿٧١﴾
56:71 Mee waa’ee ibidda qabsiifattanii san naaf himaa?
ءَأَنتُمْ أَنشَأْتُمْ شَجَرَتَهَآ أَمْ نَحْنُ ٱلْمُنشِـُٔونَ ﴿٧٢﴾
56:72 Sila muka ishee isintu biqilchee? Moo Nutu biqilchoo dha?
نَحْنُ جَعَلْنَـٰهَا تَذْكِرَةً وَمَتَـٰعًا لِّلْمُقْوِينَ ﴿٧٣﴾
56:73 Nuti ibidda kana gorsaafi qananii imaltoonni itti fayyadaman ishee goone.
فَسَبِّحْ بِٱسْمِ رَبِّكَ ٱلْعَظِيمِ ﴿٧٤﴾
56:74 Maqaa Gooftaa kee Isa guddaa faarsi.
۞ فَلَآ أُقْسِمُ بِمَوَٰقِعِ ٱلنُّجُومِ ﴿٧٥﴾
56:75 Seensa urjiiwwaniitiniin kakadha
وَإِنَّهُۥ لَقَسَمٌ لَّوْ تَعْلَمُونَ عَظِيمٌ ﴿٧٦﴾
56:76 Inni dhugumatti, odoo kan beektan ta’ee kakuu guddaadha.
إِنَّهُۥ لَقُرْءَانٌ كَرِيمٌ ﴿٧٧﴾
56:77 Dhugumatti, inni Qur’aana kabajamaadha.
فِى كِتَـٰبٍ مَّكْنُونٍ ﴿٧٨﴾
56:78 Kitaaba akkaan eegamaa (Lawhal Mahfuuz) keessa jira.
لَّا يَمَسُّهُۥٓ إِلَّا ٱلْمُطَهَّرُونَ ﴿٧٩﴾
56:79 Warra qulqulluu malee (eenyulleen) isa hin tuqu.
تَنزِيلٌ مِّن رَّبِّ ٱلْعَـٰلَمِينَ ﴿٨٠﴾
56:80 Gooftaa aalama hundaa irraa buufamaadha.
أَفَبِهَـٰذَا ٱلْحَدِيثِ أَنتُم مُّدْهِنُونَ ﴿٨١﴾
56:81 Sila haasa’a kanaa kan isin laaffiftan?
وَتَجْعَلُونَ رِزْقَكُمْ أَنَّكُمْ تُكَذِّبُونَ ﴿٨٢﴾
56:82 (Galata) rizqii (rooba) keessanii kijibsiisuu gootanii?
فَلَوْلَآ إِذَا بَلَغَتِ ٱلْحُلْقُومَ ﴿٨٣﴾
56:83 Yeroo (lubbuun) kokkee geesse, (maaliif hin deebiftanuu)?
وَأَنتُمْ حِينَئِذٍ تَنظُرُونَ ﴿٨٤﴾
56:84 Odoo yeroo san isin ilaaltanuu,
وَنَحْنُ أَقْرَبُ إِلَيْهِ مِنكُمْ وَلَـٰكِن لَّا تُبْصِرُونَ ﴿٨٥﴾
56:85 Isin hin argitan malee Nuti isin caalaa gara isaatti dhihoo jirra.
فَلَوْلَآ إِن كُنتُمْ غَيْرَ مَدِينِينَ ﴿٨٦﴾
56:86 Yoo (kaafamtanii) kan galata hin galfamne taatan (lubbuu san deebisaa).
تَرْجِعُونَهَآ إِن كُنتُمْ صَـٰدِقِينَ ﴿٨٧﴾
56:87 Yoo kan dhugaa dubbattan taatan maaliif hin deebiftanu?
فَأَمَّآ إِن كَانَ مِنَ ٱلْمُقَرَّبِينَ ﴿٨٨﴾
56:88 Yoo inni (namni du’e sun) namoota Rabbitti dhiyeeffaman irraa ta’e,
فَرَوْحٌ وَرَيْحَانٌ وَجَنَّتُ نَعِيمٍ ﴿٨٩﴾
56:89 (Isaaf) haara galfii, gammachuufi jannata qananiitu jira.
وَأَمَّآ إِن كَانَ مِنْ أَصْحَـٰبِ ٱلْيَمِينِ ﴿٩٠﴾
56:90 Yoo inni warra mirgaa irraa ta’e immoo,
فَسَلَـٰمٌ لَّكَ مِنْ أَصْحَـٰبِ ٱلْيَمِينِ ﴿٩١﴾
56:91 Warra mirgaa irraa waan taateef nagaan siif haa jiraatu” (isaan jedhama)
وَأَمَّآ إِن كَانَ مِنَ ٱلْمُكَذِّبِينَ ٱلضَّآلِّينَ ﴿٩٢﴾
56:92 Yoo sobsiiftota jallattoota irraa ta’e immoo,
فَنُزُلٌ مِّنْ حَمِيمٍ ﴿٩٣﴾
56:93 Isaaf afeerraa bishaan danfaa irraa ta’etu jira.
وَتَصْلِيَةُ جَحِيمٍ ﴿٩٤﴾
56:94 Jahiim seenuutu isaaf jira.
إِنَّ هَـٰذَا لَهُوَ حَقُّ ٱلْيَقِينِ ﴿٩٥﴾
56:95 Dhugumatti, inni (wanti suuraan ibsite) kun haqa mirkanaa’aadha.
فَسَبِّحْ بِٱسْمِ رَبِّكَ ٱلْعَظِيمِ ﴿٩٦﴾
56:96 Maqaa Gooftaa kee guddaa ta’ee faarsi (qulqulleessi).