بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَـٰنِ ٱلرَّحِيمِ
وَٱلْعَـٰدِيَـٰتِ ضَبْحًا ﴿١﴾
100:1 (Faradoo jihaadaa) harganaa guluftuunin (kakadha),
فَٱلْمُورِيَـٰتِ قَدْحًا ﴿٢﴾
100:2 (Isaan yeroo gulufan kottee isaaniitiin) ibidda qabsiisaniin,
فَٱلْمُغِيرَٰتِ صُبْحًا ﴿٣﴾
100:3 (Isaan) bariidhaan (diina irratti) weerara adeemsisanitti;
فَأَثَرْنَ بِهِۦ نَقْعًا ﴿٤﴾
100:4 Isaan dhukkee ol kaasanitti;
فَوَسَطْنَ بِهِۦ جَمْعًا ﴿٥﴾
100:5 Isaan (weeraraan) gamtaa diinaa walakkeessaniin [kakadha].
إِنَّ ٱلْإِنسَـٰنَ لِرَبِّهِۦ لَكَنُودٌ ﴿٦﴾
100:6 Dhugumatti, namni (hedduun) Gooftaa isaa mormaadha.
وَإِنَّهُۥ عَلَىٰ ذَٰلِكَ لَشَهِيدٌ ﴿٧﴾
100:7 Inni kana irratti ragaadha
وَإِنَّهُۥ لِحُبِّ ٱلْخَيْرِ لَشَدِيدٌ ﴿٨﴾
100:8 Inni (namni) qabeenya jaalachuutti cimaadha.
۞ أَفَلَا يَعْلَمُ إِذَا بُعْثِرَ مَا فِى ٱلْقُبُورِ ﴿٩﴾
100:9 Sila inni yeroo wanti qabroota keessa jiran hundi baafaman sana hin beekuu?
وَحُصِّلَ مَا فِى ٱلصُّدُورِ ﴿١٠﴾
100:10 Yeroo wanti qoma keessa jiran (hundi) ifa baafaman (hin beekuu?)
إِنَّ رَبَّهُم بِهِمْ يَوْمَئِذٍ لَّخَبِيرٌۢ ﴿١١﴾
100:11 Dhugumatti, Gooftan isaanii guyyaa san isaan beekaadha.