بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَـٰنِ ٱلرَّحِيمِ
هَلْ أَتَىٰكَ حَدِيثُ ٱلْغَـٰشِيَةِ ﴿١﴾
88:1 Sila oduun haguugduu[] (Qiyaamaa) sitti dhufeeraa?
وُجُوهٌ يَوْمَئِذٍ خَـٰشِعَةٌ ﴿٢﴾
88:2 Fuulli gariin guyyaa san xiqqaattuudha.
عَامِلَةٌ نَّاصِبَةٌ ﴿٣﴾
88:3 Hojjattuu ifaajjuudha
تَصْلَىٰ نَارًا حَامِيَةً ﴿٤﴾
88:4 Ibidda gubduu seenti.
تُسْقَىٰ مِنْ عَيْنٍ ءَانِيَةٍ ﴿٥﴾
88:5 Burqituu danfituu irraa obaafamti.
لَّيْسَ لَهُمْ طَعَامٌ إِلَّا مِن ضَرِيعٍ ﴿٦﴾
88:6 Adaamii malee nyaanni isaaniif hin jiru.
لَّا يُسْمِنُ وَلَا يُغْنِى مِن جُوعٍ ﴿٧﴾
88:7 Hin gabbisu; beela irraas hin duroomsu.
وُجُوهٌ يَوْمَئِذٍ نَّاعِمَةٌ ﴿٨﴾
88:8 Fuulli gariin guyyaa san qananiituudha.
لِّسَعْيِهَا رَاضِيَةٌ ﴿٩﴾
88:9 Dalagaa ishee jaalattuudha
فِى جَنَّةٍ عَالِيَةٍ ﴿١٠﴾
88:10 Jannata ol fuudhamtuu keessa jiraatti.
لَّا تَسْمَعُ فِيهَا لَـٰغِيَةً ﴿١١﴾
88:11 Ishee keessatti waca hin dhaga'anu.
فِيهَا عَيْنٌ جَارِيَةٌ ﴿١٢﴾
88:12 Ishee keessa burqituu yaatutu jirti.
فِيهَا سُرُرٌ مَّرْفُوعَةٌ ﴿١٣﴾
88:13 Ishee keessa sireewwan ol fuudhamtuutu jirti.
وَأَكْوَابٌ مَّوْضُوعَةٌ ﴿١٤﴾
88:14 Kubbaayyaawwan kaa’amtuutu jirti.
وَنَمَارِقُ مَصْفُوفَةٌ ﴿١٥﴾
88:15 Boraatiiwwan tarree galfamantu (isaaniif jira).
وَزَرَابِىُّ مَبْثُوثَةٌ ﴿١٦﴾
88:16 Afaawwan diriirfamanis (isaaniif jirti).
أَفَلَا يَنظُرُونَ إِلَى ٱلْإِبِلِ كَيْفَ خُلِقَتْ ﴿١٧﴾
88:17 Sila gara gaalaa akkamitti akka uumamte hin ilaalanuu?
وَإِلَى ٱلسَّمَآءِ كَيْفَ رُفِعَتْ ﴿١٨﴾
88:18 Gara samii akkamitti akka ol fuudhamte (hin ilaalanuu)?
وَإِلَى ٱلْجِبَالِ كَيْفَ نُصِبَتْ ﴿١٩﴾
88:19 Gara gaarreenis akkamitti akka dhaabamte (hin ilaalanuu)?
وَإِلَى ٱلْأَرْضِ كَيْفَ سُطِحَتْ ﴿٢٠﴾
88:20 Gara dachiis akkamitti akka diriirfamte (hin ilaalanuu)?
فَذَكِّرْ إِنَّمَآ أَنتَ مُذَكِّرٌ ﴿٢١﴾
88:21 Yaadachiisi; ati yaadachiisaa qofa.
لَّسْتَ عَلَيْهِم بِمُصَيْطِرٍ ﴿٢٢﴾
88:22 Isaan irratti dirqisiisaa hin taane.
إِلَّا مَن تَوَلَّىٰ وَكَفَرَ ﴿٢٣﴾
88:23 Garuu nama gara galee kafare,
فَيُعَذِّبُهُ ٱللَّهُ ٱلْعَذَابَ ٱلْأَكْبَرَ ﴿٢٤﴾
88:24 Rabbiin adabbii guddaa isa adaba
إِنَّ إِلَيْنَآ إِيَابَهُمْ ﴿٢٥﴾
88:25 Deebiin isaanii garuma Keenya.
ثُمَّ إِنَّ عَلَيْنَا حِسَابَهُم ﴿٢٦﴾
88:26 Ergasii qormaanni isaanii Nurra jira