بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَـٰنِ ٱلرَّحِيمِ
إِذَا ٱلشَّمْسُ كُوِّرَتْ ﴿١﴾
81:1 Yeroo aduun maramte,
وَإِذَا ٱلنُّجُومُ ٱنكَدَرَتْ ﴿٢﴾
81:2 Yeroo urjiin harcaate,
وَإِذَا ٱلْجِبَالُ سُيِّرَتْ ﴿٣﴾
81:3 Yeroo gaarreen bakkaa oofamte,
وَإِذَا ٱلْعِشَارُ عُطِّلَتْ ﴿٤﴾
81:4 Yeroo gaalli rimaan baatii kudhanii dhiifamte (tiksitee malee hafte),
وَإِذَا ٱلْوُحُوشُ حُشِرَتْ ﴿٥﴾
81:5 Yeroo bineensonni bosonaa walitti qabamte,
وَإِذَا ٱلْبِحَارُ سُجِّرَتْ ﴿٦﴾
81:6 Yeroo galaanni qabsiifamte (akka ibiddaatti boba'an),
وَإِذَا ٱلنُّفُوسُ زُوِّجَتْ ﴿٧﴾
81:7 Yeroo lubbuun hundi qindeeffamte
وَإِذَا ٱلْمَوْءُۥدَةُ سُئِلَتْ ﴿٨﴾
81:8 Yeroo durbi fayyaan awwaalamte gaafatamte,
بِأَىِّ ذَنۢبٍ قُتِلَتْ ﴿٩﴾
81:9 Balleessa kamiif akka ajjeefamte;
وَإِذَا ٱلصُّحُفُ نُشِرَتْ ﴿١٠﴾
81:10 Yeroo galmeen (hojii) raabsamte,
وَإِذَا ٱلسَّمَآءُ كُشِطَتْ ﴿١١﴾
81:11 Yeroo samiin buqqifamtee maramte,
وَإِذَا ٱلْجَحِيمُ سُعِّرَتْ ﴿١٢﴾
81:12 Yeroo ibiddi qabsiifamte,
وَإِذَا ٱلْجَنَّةُ أُزْلِفَتْ ﴿١٣﴾
81:13 Yeroo jannanni dhiheeffamte,
عَلِمَتْ نَفْسٌ مَّآ أَحْضَرَتْ ﴿١٤﴾
81:14 Lubbuun waan dalagatte beekteetti.
فَلَآ أُقْسِمُ بِٱلْخُنَّسِ ﴿١٥﴾
81:15 (Urjiiwwan) guyyaa badanii halkan mul'ataniinin kakadha.
ٱلْجَوَارِ ٱلْكُنَّسِ ﴿١٦﴾
81:16 (Urjiiwwan) yaa’aa seenaa ta’aniinin (kakadha).
وَٱلَّيْلِ إِذَا عَسْعَسَ ﴿١٧﴾
81:17 Halkaniinis yeroo inni dukkanaa’en (kakadha),
وَٱلصُّبْحِ إِذَا تَنَفَّسَ ﴿١٨﴾
81:18 Bariittillee yeroo inni diriiren (kakadha),
إِنَّهُۥ لَقَوْلُ رَسُولٍ كَرِيمٍ ﴿١٩﴾
81:19 Dhugumatti, inni (Qur'aanni) kun jecha Ergamaa kabajamaati
ذِى قُوَّةٍ عِندَ ذِى ٱلْعَرْشِ مَكِينٍ ﴿٢٠﴾
81:20 (Ergamaa) abbaa humnaa ta'e, kan Gooftaa Arshii biratti iddoo jabaa qabu.
مُّطَاعٍ ثَمَّ أَمِينٍ ﴿٢١﴾
81:21 Bakka sanatti ajajni isaa fudhatamaafi amanamaa kan ta'e.
وَمَا صَاحِبُكُم بِمَجْنُونٍ ﴿٢٢﴾
81:22 Saahibni keessan (Muhammad SAW!) maraataa miti.
وَلَقَدْ رَءَاهُ بِٱلْأُفُقِ ٱلْمُبِينِ ﴿٢٣﴾
81:23 Dhugumatti, inni moggaa ol aanaa (samii) ifa galaa (gara Bahaa) keessatti isa argee jira.
وَمَا هُوَ عَلَى ٱلْغَيْبِ بِضَنِينٍ ﴿٢٤﴾
81:24 Inni (Nabiyyiin) beekumsa fagoo irratti don'aa miti (hin dhoksu).
وَمَا هُوَ بِقَوْلِ شَيْطَـٰنٍ رَّجِيمٍ ﴿٢٥﴾
81:25 Innis (Qur'aanni) jecha sheeyxaana darbamaa miti.
فَأَيْنَ تَذْهَبُونَ ﴿٢٦﴾
81:26 Mee eessuma deemtu?
إِنْ هُوَ إِلَّا ذِكْرٌ لِّلْعَـٰلَمِينَ ﴿٢٧﴾
81:27 Inni aalama hundaaf gorsa malee homaa miti.
لِمَن شَآءَ مِنكُمْ أَن يَسْتَقِيمَ ﴿٢٨﴾
81:28 Nama isin irraa qajeeluma fedheef (gorsa ta'a).
وَمَا تَشَآءُونَ إِلَّآ أَن يَشَآءَ ٱللَّهُ رَبُّ ٱلْعَـٰلَمِينَ ﴿٢٩﴾
81:29 Yoo Rabbiin aalama hundaa fedhe malee isin homaa hin feetanu